Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 11:2 - Waadaa Haarawa

2 Maariyaamiin tun'llee miila Goofta'aa shittoo ta dibiddee fi rifeenissa mataa isi'iitiin'llee ta sukuumtteen turtte, Alaazaariin dhukkubsate'llee obboleessa isi'ii ni ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Maariyaam ta Gooftaa Urgoo dibdee riffeensa mataa ufiitiin luka isaa haxe. Obboleessi isi'ii Alaazaar dhibamee ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Maariyaam ta Gooftaa Urgoo dibdee riffeensa mataa ufiitiin luka isaa haxxe. Obboleessi isi'ii Alaazaar dhibamee ture.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 11:2
11 Referans Kwoze  

Yeroo sanitti Maariyaam gatiin isaa haalaan baayi'ee ka ta'e, Naardoosii qulqulluu irraa ka hojjatame, wolakkaa liitiraa ka ta'u shittoo shurrubbee tokkoo fiddee, miila Yesusii ni dibidde, rifeenissa mataa isi'iitiin'llee ni sukuumtte, manni'llee foolii shitto'ootiin ni guute.


Yesus Bitaaniya'atti mana Simoonii ka waashaye ture ni jira ture. Nyaataaf'llee dhiyaatee uduu jiru, dubarttiin takka shittoo jaalatamaa gatiin isaa haalaan guddaa ta'e, shurrubbee alibasxiroosii titti qabattee ni dhufitte, shurrubbee cabsstee shittoo mataa Yesusii irratti ni buufitte.


Gooftaan'llee yeroo isii argetti garaa isi'ii laafeefii, «Jabaadhu, hin booyiin!» isi'iin jedheen.


«Masihiin ni dhufa jedhame sun, si'i moo yookiin ka bira'aa haa eeginnu? jedha'aatii gaafadhaanii» jechu'uun, gara Gooftaa Yesusii isaan ni erge.


Obboleetiiwwan'llee, «Yaa Gooftaa, ka ati jaalattuun sun dhukkubsatee jira» jedhanii, gara Yesusii ni ergan.


Maaritaan'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Uduu ati asi jiraatteetii obboleessi kiyya hin du'u ture,


Maariyaam'llee gara bakka Yesus ni jira turee dhufttee yeroo isa argitetti, miila isaa jalatti kuftteeti, «Yaa Gooftaa! Uduu ati as jiraateetii obboleessi kiyya hin du'uuyyu ture!» jetteen.


Isin ‹barsiisa'aa fi Gooftaa› naan jettan, ani barsiisa'aa fi Gooftaa waan ta'eef ka isin jettan sirri'i.


Eegaa ani barsiisa'aa fi Gooftaa keessan ta'ee uduu jiru miila keessan yoo miice, isin'llee ufii keessan miila keessan wolii miicuu qabddan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite