Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 10:4 - Waadaa Haarawa

4 Hoolota isaa eega yaaseen duubatti'llee, dura dura isaaniitiin ni deema, hoolonni'llee qooniqqa isaa waan beekaniif, isa ni horddofan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

4 Hoolota ufii haga baaseen maayessa afoo isaanii deema, hoolonnillee laagaa isaa waan beekaniif faana isaa deeman.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Hoolota ufii haga baaseen maayessa isaan afoo deema, hoolonnillee laagaa isaa waan beekaniif isa faana deeman.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 10:4
23 Referans Kwoze  

Gobbuu kana keessaa ka hin ta'in hoolota bira'aa ni qaba, isaan'llee fidu'utu narraa mala, isaan'llee qooniqqa kiyya ni dhagayan, gobbuu tokko'llee ni ta'an, tisseen'llee tokko ni ta'a.»


Ana tajaajilu'uuf ka barbaadu ana haa horddofu, bakka ani jirutti tajaajilaan kiyya'llee achi ni ta'a, ka ana tajaajilu'llee Waaqinni Abbaan ni kabajaan.»


Philaaxos'llee, «Eegaa, ati, nugusa kaa?» jedheen. Yesus'llee, «Ani nugusa akka ta'e ati dubbatee jirta, ani ka dhaladhee fi gara biyya lafaa'llee ka dhufe waayee dhuga'aa ragaa bayu'uuf, ka gara dhuga'aatii ta'e marrinuu dubbii kiyya ni dhagaya» jechu'uun, ni deebise.


Ka waamamittaniif'llee kanumaaf, fakkeennummaa isaa akka horddofttaniif Kristos waayee keessaniif rakkinna fudhachu'uun, fakkeenna taatanii jirttan.


Akkuma kana worra itti gaafatamummaa keessan jala jiran hiyyeeyyii bitu'uun uduu hin ta'in, gobu'uuf fakkeennummaa mishaa mulidhisu'uun haa ta'u.


Ani Kristosiin akkuma fakkaadhu, isin'llee ana fakkaadhaa.


Worri anaan duranatti dhufan marrinuu hattootaa fi shifttoota, hoolonni garuu isaan hin dhageeffanne.


Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin akkana isaaniin ni jedhe, «Ana horddofu'uuf ka barbaadu mataa isaa haa waakkatu, fannoo isaa'llee baadhatee ana haa horddofu.


Ka fiiginnu'llee hundeessaa amantii keennaatii fi raawwataa ka ta'e Yesusiin laalu'uun, inni'llee sababaa gammachuu fuundura isaa dhaabatee jiruutiin salphinna fannoo irratti du'u'uu womattuu uduu hin lakkaayin, rakkinna fanno'ootii fi du'a'llee ni obisse, mirga teessoo Waaqaatiin'llee ni taa'e.


Gara Mana Waaqeffanna'aa kana'llee Yesus akka muudama qeesummaa Malkeesadeeqii titti bara baraaf itti gaafatamaa qeesotaa ta'ee, waan keennaaf durssee aseenee jira.


Eega akka ijoollee jaalatamttootaa isin'llee, fakkeenna Waaqaa horddofaa.


Idaayyittii naminni qabu idaayya'a, jaaltichi ka fuudhuu garuu ka fuudhu bira dhaabatee ni dhageeffataan, qooniqqa isaa'llee dhagayu'uun ni gammada, kanaaf gammachuun kiyya'llee kana, inni'llee amma muda maleessa ta'ee jira.


Ani isiniif akkuma raawwadhe isin'llee akka raawwattaniif, fakkeenna isinii kennee jira.»


Kristos fooniin rakkinna ka fudhate waan ta'eef, isin'llee akka nama meeshaa woraanaa hidhatee titti yaada kanaan jabaadha'aatii qophaayaa, foon isaatiin rakkinna naminni fudhate, hojjachuu addaan kutee jira.


balbala eegaan isaaniif balbala ni bana, hoolonni isaa'llee qooniqqa isaa ni dhagayan, inni'llee hoolota isaa akka maqaa isaaniitiin isaan ni waama, isaan eemara'aa'llee gara alaa titti, isaan ni baasa.


Qooniqqa bira'aa garuu waan hin beekinneef, isa irraa dheessan malee, hin horddofaniin.»


Hoolonni tiyya qooniqqa kiyya ni dhagayan, ani'llee isaan ni beeka, isaan'llee ana ni horddofan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite