Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:9 - Waadaa Haarawa

9 Nama maraaf ka ibisu ifin dhuga'aa gara biyya lafaa dhufa'aa jira ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9 Ifni dhuga'aa ka nama maraafuu ifu gara adunyaa tanaa dhufa'aa ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Ifni dhuga'aa ka nama maraafuu ifu gara adunyaa tanaa dhufa'aa ture.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:9
15 Referans Kwoze  

ka anatti amanu marrinuu dukkana keessa akka hin jiraanneef, ani ifa ta'ee gara biyya lafaa dhufee jira.


Haa ta'u malee jireenna Kristositii fi keessan biratti dhugaa ta'ee ka mulidhate, ajaja haarawa isiniif ni barreessa, dukkanni dhabamisiifamee ifin dhuga'aa, amma'llee ibisa'aa ni jira.


Isaa keessa'llee jireennatu ture, jireenni kun'llee ifa namootaa ni ture.


ragummaa isaatiin naminni marrinuu akka amanuuf, waayee ifaatiif ragaa ta'ee ni dhufe.


Ilmi Waaqaa akka dhufee fi Waaqa dhuga'aa'llee akka beekinnuuf, onnee hubattuu akka nuuf kennee ni beekinna, karaa Ilma isaa Yesus Kristositiin, isa Waaqa dhuga'aa woliin tokkummaa ni qabnna. Yesus Kristos Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Kara'aa fi dhugaan, jireenni'llee ana, karaa kiyyaan yoo ta'e malee eennu'llee gara Waaqa Abba'aa ka dhufu, hin jiru.


Yeroo sanitti Yesus akkana isaaniin jedhe, dhugaa isiniin jedha, «Buddeena sami'ii bu'e ka isaanii kenne Muse'ee miti, buddeena dhuga'aa sami'ii ka isinii kennu Abbaa kiyya,


Cubbuu hin qabnnu yoo jenne mataa keenna ni sobinna. Dhugaan'llee nu keessa hin jiru.


«Gudeelchi muka woyinni'ii dhugaalessi ana, hojjataan biqilttu'uu'llee Abbaa kiyya,


Ummanni'llee waayee isaa hasaassi'iin ni haasayan turan, tokko tokkoon isaan, «Inni nama misha'a» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Miti, inni ummata ni dogoggorssa» jedhan ture.


ijji kee fayyaalessa ta'uu yoo dhabaatte garuu, qaaminni kee marri dukkana ni ta'a. Eegaa ifin isin keessa jiru dukkana yoo ta'e, dukkanni hoo attam ka caalu ta'inna!


Eegaa qaaminni kee guutuun dukkanni woyiituu uduu itti hin jiraatin ifaan ka guuttame yoo ta'e, garri ati qabddu marrinuu akka waan ibisaan ifa isaa si'iif caaralluu titti, ifa guddaa ni ta'a.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite