Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:13 - Waadaa Haarawa

13 Isaan'llee Waaqa irraa ni dhalatan malee fiixaa namaa, jechuun'llee fedhii foonii irraa yookiin fedhii namaa irraa hin dhalanne.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

13 Isaanillee Rabbiin irraa dhalatan malee; dhiiga yookiin fedha foonii yookiin fedha dhiiraa irraa hin dhalanne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Isaan Rabbiin irraa dhalatan malee; dhiiga yookaan fedha foonii yookaan fedha dhiiraa irraa hin dhalanne.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:13
25 Referans Kwoze  

Amalli Waaqaa isa keessa waan jiraatuu fi Waaqa irraa'llee waan dhalateef, Ilma Waaqaa ka ta'e cubbuu hin hojjatu, hojjatu'uuf'llee hin danda'u.


Waaqinni jalqaba uumama isaa maraa akka taanuuf fedhii mataa isaatiin, dubbii dhugaatiin nu ni uumate.


Lammaffaa ka dhalattan jiraataa ka ta'ee fi bara baraaf jabaatee dhaabatee ka jiraatu, dubbii Waaqaatiin fiixaa hin banne irraa malee fiixaa baddu irraayyii miti.


Yesus Kristosii sababaa du'aa ka'uu isaatiin abddii jiraataa ta'e ka nuuf kenne, dhiifama isaa ol aana'aan dhalata haarawaan ijoollee isaa ka nu taasise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galatteeffamu,


Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu biyya lafaa ni injifata, biyya lafaa ka injifannu'llee amantii keennaan.


Yaa waahela kiyya! Jaalalli Waaqa biraa waan ta'eef ufii keenna wol haa jaalannuu, ka jaalatu marrinuu Ilma Waaqaati, Waaqa'llee ni beeka.


hujii nu'u hojjanne ka qullumma'aatiin uduu hin ta'in inni mataan isaa dhiifama isaatiin nu ni fayyise, ka nu fayyise'llee miicata dhalachuu haarawaatii fi haareffama karaa Hafuura Qulqullu'uutiin argameen.


Waaqinni ajajamummaa isiniif kenna'aa kaayyoo isaa gara muumme'eetiin gayu'uuf, isin keessatti ni hojjata.


Ani ni dhaabe, Apholos bishaan ni obaase, ka guddise garuu Waaqa.


Yesus Masihii ta'uu ka amanu marrinuu Ilma Waaqaati, ka abbaa jaalatu marrinuu ilma'llee ni jaalata.


Ilma Waaqaa Yesus Kristos waan isa eeguuf Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu, cubbuu akka hin hojjanne ni beekinna, Sheexanni'llee isa hin tuquun.


Yesus'llee, «Dhugaa siin jedha, naminni deebi'ee yoo dhalate malee Mootummaa Waaqaa argu'uuf hin dandda'u» jedheen.


‹Nu'u ijoollee Abrahaamiiti› jechu'uun, waan jalaa baatan isinitti hin fakkaatin, Waaqinni dhagaayyii kanniin keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasu'uufii ni danda'a, isiniin jedha.


Daai'mman haarawa dhalatan aanan akkuma hawwan, isin'llee fayyu'uuf guddata'aa ka itti deemittan, barsiisa qulqulluu hafuuraa hawwaa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite