Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:12 - Waadaa Haarawa

12 Haa ta'u malee worra ufitti fudhatanii fi maqaa isaa titti worra amanan maraaf, mirga ijoollee Waaqaa ta'u'u'uu isaaniif ni kenne.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

12 Worra isa simatan maraafuu ammoo maqaa isaatitti waan amananiif isaan ijoollee Rabbii akka ta'an baallii isaanii kenne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Worra isa fudhatan maraafuu ammo maqaa isaatitti waan amananiif isaan ijoollee Rabbii akka ta'an mirga isaanii kenne.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:12
27 Referans Kwoze  

Yesus Kristostti amanu'uun marri keessanuu ijoollee Waaqaati.


Hafuura Waaqaatiin worri eemaraman marrinuu, ijoollee Waaqaati.


Ijoollee Waaqaa jedhamnnee akka waamaminuuf Waaqinni Abbaan jaalala attamii akka nu'uuf kenne laalaa! Dhugamaanuu nu'u ammoo ijoollee Waaqaati, biyyi lafaa Waaqa waan hin beekiniif, nu'u hin beeku.


Ijoollee Waaqaa ta'uu keennaan'llee Waaqaan, «Abbaa» jedha'aa ka isa waamuun, Hafuura Ilma isaa gara onnee keennaa ni erge.


Ka isatti amanu itti hin muritteeffamu, ka isatti hin amanne garuu tokko Ilma Waaqaa titti waan hin amaniniif, durumaanuu itti murtteeffamee jira.


Akkuma Gooftaa Yesus Kristosiin ufitti fudhattaniinitti isaan jiraadhaa,


Ka isin ufitti fudhatu ana ufitti fudhata, ana'llee ka ufitti fudhatu Waaqa Abbaa ana erge ufitti fudhata.


garuu Yesus Masihii Ilma Waaqaa ta'uu isaa akka amanttanii fi amanttanii'llee maqaa isaatiin jireenna bara baraa akka argattaniif, kun barreeffamee jira.


Ulfinnaa fi ulfinna arjjooma isaatiin gatii ka qabuu fi haalaan ol aanaa ka ta'e, abddii isaa arigannee jirra, karaa kanniiniitiin'llee isin sababa hawwii hama'aatiin balleessaa biyya lafaa kana irra jiru jalaa baatanii, qoodamtoota amala Waaqumma'aa taatanii jirttan.


Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee, isa abddii ni taasfatan.»


Ajajinni Waaqaa maqaa Ilma isaa Yesus Kristosii titti akka amannuu fi akka Kristos nu ajajeen'llee, ufii keennaa akka wol jaalanuuf.


Kun ka argitanii fi naminni beekittan kun fayyee ka jabaate, amantii maqaa Yesusiitiin argameen, Maqaa Yesusii titti amanuu isaatiin'llee isin mara duratti fayyaa isaa guutuu argatee jira.»


Ka du'u'llee waayee ummataa qofaaf uduu hin ta'in, ijoollee Waaqaa ka bittinnaayan'llee bakka tokkotti wolitti qabu'uuf.


ragummaa isaatiin naminni marrinuu akka amanuuf, waayee ifaatiif ragaa ta'ee ni dhufe.


Daa'ima akkanaa kana maqaa kiyyaan ka ufitti fudhatu, ana ufitti fudhata.


Yesus yeroo Ayyaana Faasiika'aa titti Yerusaalemiin uduma jiru baasota inni raawwate arguu isaaniitiin, namoonni baayi'een isatti ni amanan.


Gara worra isaa ni dhufe, worri isaa garuu ufitti isa hin fudhanne.


Hafuurri Waaqaa hafuura keennaan woliin ta'ee, ijoollee Waaqaa ta'uu keenna nu'uuf ragaa ni baya.


Uumaminni marrinuu muldhachuu ijoollee Waaqaa, hawwii ol aana'aan ni eeggatan.


Yaa waaheloota! Nu'u amma ijoollee Waaqaati, ufi durana maal akka taanu amma'llee hin beekkaminne, garuu yeroo Kristos itti mulidhatutti bifa isaa ka dhuga'aa waan arginuuf, isa akka fakkaannu ni beekinna.


Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen sheexanaa addaan bayanii ka beekkaman kanaan, qulqullaawoma ka hin raawwannee fi obboleessa isaa ka hin jaalanne marrinuu, Ilma Waaqaatii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite