Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 9:6 - Waadaa Haarawa

6 Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbu'uuf dhiifama taasisu'uuf aangoo akka qabu, akka beekitaniif» namicha naafttichaan, «Ka'ii siree kee baadhadhuutii, gara mana keetii deemi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Haata'uu ammoo, Ilmi namaa biyya lafaa irratti dhiifamsa cubbu'uu kennu'uuf baallii akka qabu beekaa'a!» isaaniin jedhe. Namicha laamshayaa saniin, «Ka'ii Itillee tee baadhadhuu deemi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Ilmi namaa biyya lafaa irratti dhiifamsa cubbu'uu kennu'uuf akka baallii qabu haa beekani'iif namicha laamshayaa saniin, «Ka'ii itillee tee baadhadhuu deemi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 9:6
24 Referans Kwoze  

Haa ta'u malee, ‹cubbuun kee siif dhiifamee jira› jechu'uu fi ‹ka'iitii deemi!› jechuu, kamittu irra salpha'a?


Nama isin dhiifama taasfttaniif ani'llee dhiifama ni taasisaaf, dhiifaminni ani taasisuuf yoo jiraate, ani Kristosiin duranatti dhiifama ka isaa taasisuuf waayee keessaniif jedheeti.


Ufii keessanii wol danda'aa, isin keessaa tokko kaan irratti wonitti komate yoo jiraate dhiifama woliin taasisaa, akkuma Kristos dhiifama isinii taasisetti isin'llee dhiifama wolii taasisaa.


Kana irra, ufii keessan wolii mishaawwanii fi wolii naatota, arjjootaa fi gara laafttota ta'aa, Waaqinni Kristosiin akkuma isinii dhiifama taasisetti, isin'llee ufii keessan wolii dhiifama taasisaa.


Waaqinni namoota karaa keennaan waan waamuuf nu bakka bu'oota Kristositi, kanaaf, «Waaqaan woliin araaramaa!» jennee, maqaa Kristositiin isin ni kadhanna.


Phexiros'llee, «Yaa Eneyaas! Yesus Kristos si fayyisa jira, ka'iitii siree kee afadhu!» jedheen, inni'llee bakkumatti ni ka'e.


Waaqinni ummata Israa'eeliitiif gara Waaqaa titti deebi'uu fi dhiifama cubbu'uu akka kennuuf, Yesusiin durssa'aa fi Fayyisaa taasisee, mirga isaatiin ulfinnaan akka taa'u isa taasisee jira,


ka kabajitu'llee worra isaa kennite maraaf jireenna bara baraa akka kennuuf, namoota mara irratti aangoo waan isaa kenniteef.


Ani jireenna bara baraa isaaniif ni kenna, kanaaf gonkumaa hin badan, harka kiyyaa eennu'llee butee isaan hin fudhatu.


Barsiisonni seeraatii fi Farisonni, «Waaqa irratti dubbii arrabaa ka dubbatu kun eennu? Cubbuu dhabamisiisuu ka danda'u Ilma Waaqa qofa malee ka bira'aa eennu?» jedha'aa ni yaadan turan.


Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbuu dhiifama taasisu'uuf, aangoo ka qabu ta'uu isaa akka beekittaniif» jedhee, naafttichaan,


«Naminni kun maali'iif arraba akkanaa Waaqa irratti dubbata? Waaqa tokko malee ka cubbuu namaa dhiisu'uuf dandda'u eennu?»


Yesus'llee, «Jeedallan boolla ni qaban, sinbirroonni qilleenssa irra bararan'llee mandhee keessatti boqatan ni qaban, Ilmi Namaa garuu matama ufiituu bakka itti boqachiisu hin qabu» jechu'uun ni deebiseef.


Maqaan isaa'llee biyya Soriya'aa mara keessatti waan dhagayameef, namoonni worra dhukkubaa fi dhibee adda addaatiin makkaraaran, worra hafuuronni battiiwwan irra bulan, dhukkuba gaggabdo'oo worra qabanii fi naafota mara'llee gara isaa ni fidan, inni'llee isaan ni fayyise.


Achii'llee namoonni siree irra ka ciisee jiru, nama naafa tokko qabatanii gara isaa ni fidan. Inni'llee amantii isaanii laalee naafttichaan, «Yaa ilma kiyya! Jabaadhu, cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.


Namichi'llee ka'ee gara mana isaa ni deeme.


Yesus'llee, «Ka'i!, Siree kee baadhuutii deemi!» jedheen.


Ilma Namaa ta'uu isaatiin'llee, murtii akka muritteessuuf aangoo kenneefii jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite