Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 9:5 - Waadaa Haarawa

5 Haa ta'u malee, ‹cubbuun kee siif dhiifamee jira› jechu'uu fi ‹ka'iitii deemi!› jechuu, kamittu irra salpha'a?

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 ‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii deemi› jechuu irra kamtu salpha'a?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 ‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jechu'u moo yookaan, ‹Ol ka'ii deemi› jechuu irra kamtu salpha'a?

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 9:5
15 Referans Kwoze  

Kun ka argitanii fi naminni beekittan kun fayyee ka jabaate, amantii maqaa Yesusiitiin argameen, Maqaa Yesusii titti amanuu isaatiin'llee isin mara duratti fayyaa isaa guutuu argatee jira.»


Phexiros'llee, «Yaa Eneyaas! Yesus Kristos si fayyisa jira, ka'iitii siree kee afadhu!» jedheen, inni'llee bakkumatti ni ka'e.


Achii'llee namoonni siree irra ka ciisee jiru, nama naafa tokko qabatanii gara isaa ni fidan. Inni'llee amantii isaanii laalee naafttichaan, «Yaa ilma kiyya! Jabaadhu, cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.


Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbu'uuf dhiifama taasisu'uuf aangoo akka qabu, akka beekitaniif» namicha naafttichaan, «Ka'ii siree kee baadhadhuutii, gara mana keetii deemi!» jedheen.


Yesus'llee amantii isaanii argee laamshayichaan, «Ilma kiyya cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.


Yesus amantii isaanii yeroo argetti naafttichaan, «Nama nana! Cubbuun kee siif dhabamisiifamee jira» jedheen.


Kanaan duubatti Yesus dubarttii, «Cubbuu keetiif dhiifaminni siif taasfamee jira,» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite