Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 8:9 - Waadaa Haarawa

9 Ani mataan kiyyaa namoota aangoo qabaniif ajajamaa yoo ta'u, anaa gadi lolttoota ajaju ni qaba, isaan keessaa tokkoon, ‹deemi!› yoo jedhuun ni deema, ka bira'aatiin'llee, ‹koottu!› yoo jedheen ni dhufa, tajaajilaa kiyyaan'llee, ‹kana raawwadhu!› yoo jedhuun, ni raawwata.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9 Ani mataan kiyyaa abbootii baallii qaban jala jira. Loltoota uf jalatti bulchu qaba. Tokkoon deemi yoo jedheen, innillee hin deema. Kaaniin ammoo koottu yoo jedheen, innillee hin dhufa. Hojjataa kiyyaan kana hujii yoo jedheen, innillee hin hojjata.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Ani mataan kiyyaa abbootii baallii qaban jala jira; loltoota uf jalatti bulchu qaba. Tokkoon yoo ‹deemi› jedhe inni hin deema; kaaniin yoo ‹koottu› jedhe inni hin dhufa; Hojjataa kiyyaan yoo ‹kana huji› jedheen innillee hin hojjata.»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 8:9
17 Referans Kwoze  

Tajaajilttoonni'llee bulchitoota isaaniitiif akka ajajaman, waan maraanuu akka isaan gammachiisan, jecha haamaa akka isaanii hin deebifnneef,


Seera garbrumma'aa titti ka jirttan! bulchitoota teessan ka arddi'iitiif waan maraanuu ajajamaa, ka ajajamittan'llee isaan waan isinii arganii fi nama waan gammachiifttaniif mulidhachu'uuf uduu hin ta'in, Gooftaa sodaachu'uu fi qajeelluma onne'eetiin haa ta'u.


Ani mataan kiyyaa itti gaafatamoota kiyyaaf ajajamaa yoo ta'u, anaa gaditti lolttoota ajaju ni qaba. Kanaaf tokkoon ‹deemi!› yoo jedhuun ni deema, kaaniin ‹koottu!› yoo jedhuun ni dhufa, tajaajilaa kiyyaan'llee, ‹kana raawwadhu!› yoo jedhuun ni raawwata.»


Yesus'llee gara isi'ii dhiyaatee isii bira dhaabateeti akka oo'i qaamaa isii gad dhiisuuf ni ajaje, oo'i qaamaa'llee gad ni dhiiseen, bakkumatti kaatee isaan keessummeesuu jala qabdde.


Ajajaan dhibbaa garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Ati gara mana kiyyaa akka aseentu'uuf ani nama malee miti, garuu dubbii tokko qofa dubbadhu, tajaajilaan kiyya'llee ni fayya.


Yesus'llee kana yeroo dhagayetti ni maalalffate, isa horddofan namoota turaniin'llee akkana ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, amantii hagana gayu guddaa ka qabu, nama tokko'llee Israa'eelumaan keessattuu hin arganne.


«Kun maali'i? Barsiisa haarawa attamiiti? Hafuuronni battiiwwan'llee uduu hin hafin aangoo isaatiin ni ajaja, isaan'llee ni ajajamaniif» jedha'aa, maalalffachu'uun, ufii isaaniitii wol gaafachuu, jala ni qaban.


Yesus ergamittoota isaa kudha lamaan gara isaa waamee, huminna jinniiwwan baasu'uutii fi dhibee mara fayyisu'uuf'llee aangoo isaaniif ni kenne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite