Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 8:4 - Waadaa Haarawa

4 Kanaan duubatti Yesus, namicha waashayinna irraa fayyeen akkana ni jedheen, «Waan kana eennutti'llee hin dubbatin, garuu deemiitii fayyuu kee qeesicha kee titti muldhisi, ragaa isaanitti akka ta'uu danda'u, waayee fayyuu keetiitiif kennaa Museen ajaje, Waaqaaf dhiyeessi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

4 Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; haata'uu ammoo deemiitii, gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee nama maraaf akka ragaa ta'u, fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; garuu deemii gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee akka nama maraaf ragaa ta'u fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 8:4
31 Referans Kwoze  

Yesus'llee isaan laaleeti, «Deemaa! Qaama keessan qeesotatti muldhisaa!» isaaniin jedhe, Isaan'llee uduma deema'aa jiran, waashayinna isaanii irraa ni fayyan.


Itti aanssee'llee Yesus akkana jechu'uun ni ajajeen, «Waan kana eennutti'llee hin dubbatin, garuu qajeelii deemiitii mataa kee qeesichatti mulidhis, ummataaf'llee ragaa akka ta'uuf, waayee fayyuu keetiitiif kitimaa Museen ajaje dhiyeessi» jedheen.


Yesus'llee waan kana eennutti'llee akka hin himnneef namoota ni ajaje, haa ta'u malee haguma akka hin dubbanneef isaan ajajeetiin, baayi'ee caalchisanii ni odeessan ture.


Ijji isaanii'llee ni banaman, Yesus'llee, «Waan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, ciminnaan isaan ni ajaje.


bakka namoonni isin ufitti isin hin fudhannee fi isin jalaa hin dhageenne marattuu, awwaara miila keessan dhadhayadha'aatii achii baya'aatii deemaa, kun'llee isaaniif ragaa ufi eegganna'aa itti ni ta'a.»


Yesus garuu waan kana eennu'llee akka hin beekinneef isaan ajajeeti, «Waan nyaatu kenna'aafii» isaaniin jedhe.


Gaara irraa'llee uduma bu'aa jiran Yesus, «Ilmi Namaa du'aa haga ka'utti waan argitan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, barattoota isaa ni ajaje.


Waayee kiyyaan gara bulchitootaatii fi gara nugusotaa murti'iif waan fudhatamittaniif, isaanii fi ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne duranatti'llee, ragoota kiyya ni taatan,


Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Namoonni nuuf haa argan jettanii hujii keessan mishaa namoota duranatti, raawwachuu irraa ufi eeggadhaa, yoo ta'uu dhabaate garuu, Abbaa keessan ka sami'ii biratti gatii woyiituu hin ariggattan.»


Dabalee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Seera waadaa duraaniitii fi barsiisa nabiyyootaa diigu'uuf ka dhufe isinitti hin fakkaatin, ani raawwachu'uu fi taasisu'uuf'llee dhufe malee, isaan diigu'uuf hin dhufnne.»


Haa ta'u malee ani ulfinna mataa kiyyaa hin barbaadu, kabajamuu kiyya ka barbaaduu fi ka murtteessu ka bira'aa ni jira.


Mataa isaa irraa ka dubbatu ulfinna mataa isaa ni barbaada, ulfinna ka isa ergee ka barbaadu garuu inni dhugaalessa, sobinni'llee keessa hin jiru.


«Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu.


Kun'llee waayee maqaa kiyyaa ragaa bayu'uuf, carraa mishaa isiniif ni ta'a.


Yesus'llee, «Waayee kiyya eennutti'llee akka hin dubbanne» jedhee, isaan ufi ni eeggachiise.


Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin inni Kristosiin ta'uu isaa eennutti'llee akka hin himnneef, isaan ni ajaje.


Yesus garuu, «Hujii qulqullaayomaa mara karaa kanaan raawwachuun waan nurraa maluuf, amma dhiis, akkuma kana haa taa'u» jechu'uun ni deebiseef. Yohaannis'llee dhimmichatti wolii galee Yesusiin ni cuupheen.


«Isin'llee mataa keessaniif ufi eeggadhaa, namoonni mana murtii yaa'iitiif dabarssanii isin ni kennan, bakka woligayii isaanii maratti'llee isin ni dhaanan. Ragaa akka naa taataniif waayee kiyyaan bulchitootaa fi nugusota durana murti'iif, ni dhaabattan.


Inni garuu eennummaa isaa akka hin ibisineef, ciminnaan isaanitti ni baanate.


Gaara irraa yoo bu'anitti'llee Yesus, «Ilmi Namaa haga du'aa ka'utti, waan amma argitan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, isaan ni ajaje.


Jinniiwwan'llee, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa iyyu'uun, namoota baayi'ee gad dhiisa'aa ni bayan ture, inni Masihicha ta'uu isaa'llee beekaniinii turan. Yesus garuu waayee isaa womaayuu akka hin dubbanneef isaanitti baanachu'uun, isaan ni dhoogga ture.


Maatiin intalatti'ii'llee ni maalalan, inni garuu waan ta'e kana eennutti'llee hin dubbatinaa jechu'uun, isaan ni ajaje.


Yesus'llee kana eennutti'llee akka isaan hin dubbanneef, cimssee isaan ufi ni eeggachiise.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite