Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 8:16 - Waadaa Haarawa

16 Yeroo dhiitetti'llee namoonni namoota jinni'iin qabaman dhukkubisatoota baayi'ee gara Yesusii ni fidan, inni'llee dubbii isaatiin hafuurota battiiwwan jinni'ii isaan keessaa ni baase, dhukubsatoota mara'llee ni fayyise.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

16 Haga aduun dhiiteen maayii, namoota jinni'iin qabaman heddu isaanii gara Yesuusii fidan. Innillee dubbii ufiitiin jinnoota baasee, worra dhibame maraa fayyise.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Haga aduun dhiiteen maayii namoota jinni'iin qabaman heddu isaanii gara Yesuusii fidan; Inni dubbii ufiitiin jinnoota baasee worra dhibame maraa fayyise.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 8:16
17 Referans Kwoze  

Aduun yoo aseenttu namoonni dhibee adda addaatiin namoota qabaman dhukkubsattoota mara gara Yesusii ni fidan, inni'llee tokko tokkoon isaanii irra harka isaa kaayu'uun, isaan ni fayyise.


Yesus'llee hoboloo irra yeroo bu'etti ummata baayi'ee argee, garaa isaanii ni laafe, dhukkubisattoota'llee ni fayyise.


Namoonni'llee dhukkubsattoota baayi'ee gara karaa baasa'aa, sire'ee fi wosaasaa irra'llee isaan ni ciibissan ture.


Kana'llee sababaan jedheef, «Ati hafuurri battiin nama kana keessaa bayi!» jedhee, ajajeenii waan tureef.


Kanaan duubatti namoonni namicha jinniin irra bule, jaama'aa fi duudaa hin dubbanne tokko, gara Yesusii ni fidan, Inni'llee ni fayyiseen, namichi'llee dubbachu'uu fi laaluu'llee ni danda'e.


Yeroo sanitti namoonni afurii namicha naafa tokko baatanii gara isaa, ni dhufan.


Achii'llee namoonni siree irra ka ciisee jiru, nama naafa tokko qabatanii gara isaa ni fidan. Inni'llee amantii isaanii laalee naafttichaan, «Yaa ilma kiyya! Jabaadhu, cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.


Yesus'llee ummanni asii fi achi jedha'aa yoo bayan ni arge, hafuura batti'iin'llee, «Ati duuda'aa fi ka gurraan akka hin dhageenne taasfittu, mucaa keessaa akka baatu gara isaa'llee deebitee akka hin aseenneef, si ni ajaja!» jedhee, itti ni baanate.


Tissitoonni booyyeewwanii'llee dheessanii, gara magaala'aa galaniiti waan maraa ni odeessan, waayee namoota jinni'iin qabaman irratti ta'e'llee ni dubbatan.


Harka isi'ii'llee yeroo qaqabetti bakkumatti dhukkubinni oo'isee qaama gubu gad dhiiseeniiti ni fayyite, kaatee'llee Yesusiin tajaajiluu jala ni qabdde.


Jinniiwwan'llee, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa iyyu'uun, namoota baayi'ee gad dhiisa'aa ni bayan ture, inni Masihicha ta'uu isaa'llee beekaniinii turan. Yesus garuu waayee isaa womaayuu akka hin dubbanneef isaanitti baanachu'uun, isaan ni dhoogga ture.


Yesus yeroo isii arge waameeniiti, «Dubarttii nana, dhukkuba kee irraa fayyitee jirta!» isi'iin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite