Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 8:11 - Waadaa Haarawa

11 Baayi'eewwan baya adu'uutii fi gara dhiyaatii ni dhufan, Abraahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin'llee Mootummaa Sami'ii titti, nyaataaf ni taa'an.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Ani akkana isiniin jedha, namoonni hedduu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biftu'uutii dhufanii, jeennata sami'ii keessatti Abirahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an;

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Ani akkana isiniin jedha namoonni heddu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biiftu'uutii dhufanii jeennata sami'ii keessatti Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an;

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 8:11
40 Referans Kwoze  

Kun'llee ka muldhisu ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Yihudotaan woliin dhaalttota qabiyyee isaatii fi kutaawwan qaama tokkoo ta'anii abddii Waaqinni kenneef karaa wongeelaatiin, Yesus Krstosiin qoodamtoota ta'uu isaaniit.


Isaan worri yoo gooftaan isaanii dimmaa dhufetti worri dammaqanii uduu isaan eeggatan, isaan arggatu tajaajilttoonni isaan attami ka galateeffataman? Dhugamaan isiniin jedha, inni gabaabnnaan hidhatee nyaataaf isaan ni teesisa, dhiyaatee'llee isaan ni tajaajila.


Haala kanaan Giriikichaa fi Yihudicha, ka gadoomee fi ka hin gadoomin, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka baratee fi ka hin baratin, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qabnne jidduu garaagarummaan hin jiru, Kristos mara, maraaniiyyu.


Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti waan deebisan dhabanii ni caldhisan, «Eegaa Waaqinni ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee, jireenna haarawaan ka isaan gayu dhiifama isaaniif kennee jira» jechu'uun Waaqa ni galateeffatan.


Phexirosiin woliin ka dhufan ka gadooman kirstaanota Yihudotaa keessaa, Waaqinni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef Hafuura Qulqulluu akka isaanii kennee yeroo arganitti, ni maalalan.


Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.»


gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama,


Wonitti kun marrinuu ka muldhisu murtiin Waaqaa sirrii ta'uu isaatii fi isin'llee Mootummaa isaa ka rakkinna fudhattaniif gayeessota ka isin taasisu ta'uu isaati.


Garuu Kristos worra du'aaniif du'aa ka'uun hangafa ta'ee, dhugamaanuu du'aa ka'ee jira.


Hamaaleyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle ni beekitanii mitii ree? Waan kanaan hin sobaminaa, yookiin Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, yookiin sagaagalttoonni, yookiin worri dhiiraan woliin sagaagalummaa raawwatan,


Achii'llee yeroo gayanitti worra amanttootaa bakka tokkotti wolitti qabanii, waan Waaqinni isaan woliin ta'ee raawwate maraa fi ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee akka amananiif, attami taasisee balballi akka isaaniif bane isaanitti ni himan.


Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan.


«Kanaan duubatti'llee namichi hiyyeessaa ni du'e, maleeyikkoon'llee gara ammuu Abrahaamii ni fidaniin, akkuma kana namichi dureesschi'llee du'ee ni awwaalame.


Yoo barsiisutti'llee, «Kunoo! Mootummaan Sami'ii dhiyaattee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» ni jedha ture.


Yesus'llee kana yeroo dhagayetti ni maalalffate, isa horddofan namoota turaniin'llee akkana ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, amantii hagana gayu guddaa ka qabu, nama tokko'llee Israa'eelumaan keessattuu hin arganne.


Inni'llee, «Raawwiin namoota hamaaleyyii kanniinii ka hammaate ni taasisa. Bakka biqilttuu woyinni'llee worra callaa yeroon isaaf kennan, qotee bulttoota bira'aatiif ni kireessa» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite