Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 7:21 - Waadaa Haarawa

21 Yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! ka naan jedhu marrinuu gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenu, gara Mootummaa Waaqaa titti ka aseenu, fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu ka raawwatu.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

21 Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu nama hujutu jeennata sami'ii gala malee, ka, ‹Gooftaa, Gooftaa› jedhee na waamu marti hin galu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Yesuus, «Nama fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatutu jeennata sami'ii gala malee ka, ‹Gooftaa! Gooftaa!› jedhee na waamu marti hin galu.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 7:21
49 Referans Kwoze  

Waaqa duranatti ka qulqullaayan seericha dhagayanii hujii irra worra oolichan malee, seericha dhagayanii hujii irra worra hin oolichinee miti.


«Waan ani isinitti himu hin raawwattan, eegaa, waayee maali'itiif yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! Jedha'aa ana waamitan?


Dubbii isaa hujii irra worra oolichu ta'aa malee mataa keessan soba'aa, dhageefattoota qofa hin ta'inaa.


Yesus garuu, «Isaan ka eebbifaman ammoo dubbii Waaqaa dhagayanii, hujii irra worra oolichan» isi'iin jedhe.


«Waaqa ni beekinna» jedhan, hujii isaaniitiin garuu ni waakkataniin, isaan jibbisiiftotaa fi hujii mishaa raawwachu'uuf worra hin dandeenne.


Isaan sunniin worri Oduu mishaa jalqaba dhagayan ajajama dhabuu isaaniitiin, gara bakka boqanna'aa ka Waaqinni isaanii kennu'uuf jiruu titti hin galle, ta'u'llee garasitti akka galaniif worri isaaniif eeyyame tokko tokko ni turan.


Ee! Fedhiin Abbaa kiyyaa Ilmaa ka laaluu fi isatti ka amanan marrinuu, jireenna bara baraa akka argataniif, ani'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasa.»


Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun.


Ammaa achitti'llee jireenna isaa ka arddiilessaa titti ka jiraatu fedhii foonii hamaa raawwachu'uun uduu hin ta'in, fedhii Waaqaa raawwachu'uun.


fedhii isaa raawwachu'uuf akka geettan waan mishaa maraan isin haa hidhachiisu, ka gamachiisu karaa Yesus Kristositiin nu irratti haa raawwatu, Yesus Kristosiif'llee baraa haga baraa titti'llee, ulfinni haa ta'u! Ameen.


Samii ka jiru fedhii Abbaa kiyya ka raawwatu marrinuu, obboleessa kiyya, obboleetti'ii fi haati tiyya'llee isaan» jedhe.


Firii muka jireennaa irraa nyaachu'uu fi balbaloonni isi'iitiin'llee gara magaalatti'ii galu'uuf mirga akka qabaataniif, uffata isaanii ka miicatan ka eebbifaman.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Dhugaa siin jedha, naminni bishaanii fi Hafuura Qulqullu'uun yoo dhalate malee, gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uuf hin dandda'u.


Akkana'llee ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, jijjiiramuu yoo dhabaattanii fi akka daai'maa yoo taatan malee, gonkumaa gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenttan.


Fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf ka barbaadu yoo jiraate, barsiifnni kun Waaqa irraa ka argame yookiin ana mataa kiyyaa irraa ka dubbadhe, ta'uu ni beeka.


Misha'aa fi ka gammachiisu muda maleessa ka ta'e'llee, fedhii Waaqaa beeku'uuf akka dandeettan sammuu keessan haaressu'uun jireenni keessan akka jijjiiramu malee, biyya lafaa kana hin fakkaatinaa.


Fedhii Waaqaa ka raawwatu marrinuu, inni obboleesa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya'lle'e» jedhe.


Waan maraanuu Waaqa galatteeffadhaa, jireenna Yesus Kristosiin qabddaniin Waaqinni isin irraa ka barbaadu kana.


Ka ajajamittan'llee fedhii Waaqaa onne'een akka worra raawwatanii akka tajaajiltoota Kristosii taataniiti malee, nama gammachiisu'uuf jettanii muldhataaf hin ta'in.


Waan mishaa raawwachu'uun haasaya worra gowwa'aa ka beekkomissa malee haasayamu akka caldhisiifttaniif, fedha Waaqaati.


Gooftaan isaa'llee, ‹mishaa raawwatte, ati amanama'aa fi tajaajilaa misha'a! Waan muraasaan amanamaa taatee waan argamitteef, waan baayi'ee irratti si ni muuda, koottu, gammachuu goofta'aa qoodamu'uuf aseeni!› jedheen.


Fedhiin Waaqaa akka isin Qulqulloofttanii fi sagaagala irraa akka fagaattaniif.


Worra keessan ka ta'e tajaajilaan Yesus Kristosii Ephafaarm nagaya isiniif ni dhiyeessa, jireenna hafuuraatiin guddachu'uun jabaattanii akka dhaabattanii fi fedha Waaqaa maraa akka raawwattaniif, inni yeroo maraa isiniif ni kadhata.


Abbaan manaa ka'ee balbala ni cufa, isin'llee balbala dhaabattanii balbala dhadhayu'uun, ‹yaa Gooftaa! Yabo'oo nuuf bani!› jechuu jala ni qabddan, inni'llee, ‹eessaa akka dhufittan hin beeku!› jechu'uun, isinii ni deebisa.


Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan.


Naminni dureessi gara Mootummaa Waaqaa titti aseenuu irra, gaalli qaawwa marfe'eetiin uduu dabrreetii saphaa ni ta'a.»


Ijji kee'llee yoo si dogoggorste ufi keessaa baasii gati, ji'a lamaa uduu qabddu gara ibidda asaabaa titti gatamuu irra, ija takka qabaattee gara Mootummaa Waaqaa titti, galuu siif woyya.


Dabalee'llee isiniin ni jedha, naminni dureessi gara Mootummaa Waaqaa titti aseennu irra, gaalli qaawwa marfe'eetiin uduu dabrree salphaa ni ta'a.»


«Eegaa isin'llee tokko tokkoon keessan obboleessa keessaniif onne'een dhiifama yoo taasisu'uufii dhabaattan, Abbaan kiyya ka samii jiru'llee akkuma kana isin irratti ni taasisa.»


Ana ka jibbu Abbaa kiyya'llee ni jibba,


Deebi'ee'llee Yesus yeroo Lammaffaa'llee fagaatee deemeeti, «Yaa Abbaa! Duloo sarddamaa kan uduu hin dhugin ana irra dabrru ka hin dandeenne yoo taate, fedhii kee haa ta'u!» jechu'uun, ni kadhate.


Yesus'llee akkana ni jedheen, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ati ka eebbifamitte! Kana ka si ibsse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namaa miti.


‹ulee sibiilaatiin'llee isaan ni bita, akka meeshaa faaraa titti'llee tumee isaan ni bulleessa› aangoon kun'llee ka akka bifa ani Abbaa kiyya irraa fudhadheeti,


Ana uduu beekittanii jiraattaniitii Abbaa kiyya'llee ni beekittan ture, ammaa achitti garuu ni beekittaniin, argitaniinii jirttaniin'lle'e.»


Yesus garuu, «Abbaan kiyya yeroo maraa ni hojjata, ani'llee ni hojjadha» jechu'uun, isaanii ni deebise.


Isaan irraa muraasa achi fagaatee deemeeti, lafa irratti kallacha isaatiin gonbbifamee, akkana jechu'uun ni kadhate, «Yaa Abbaa! Ka siif danda'amu yoo taate, duloon sarddamaa kun ana irraa garasi haa dabrru! Garuu fedhii kee haa ta'u malee, fedhii kiyya hin ta'in.»


Maleyikkoonni isaanii ka samii jiran yeroo maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, maandhota kanniin keessaa tokkoma'llee akka hin tuffanneef ufi eeggadhaa. [


Akkuma kanaan'llee isiniin ni jedha, isin keessaa lamaan arddii irratti woma kamiinuu kadhachu'uuf woliigalanii yoo kadhatan, Abbaan kiyya ka samii jiru isaaniif ni raawwata.


Shamarran gowwoota bobayaa bitu'uuf yeroo deemanitti, ka fuudhu ni gale. Shamarran qophaayanii turan'llee ka fuudhu woliin, gara galmma afeerrii cidhaa ni aseenan, balballi'llee ni cufame.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite