Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 6:9 - Waadaa Haarawa

9 Kanaaf isin akkana jedha'aatii kadhadhaa, ‹samii ka jiraattu yaa Abbaa keenna, maqaan kee haa galateeffamu,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9 «Kanaaf, hennaa faateeffattan: Abbaa keenna ka samii jirtu, Maqaan kee haa woyyoomu;

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 «Kanaaf hennaa Rabbiin kadhattan: Abbaa keenna ka samii jirtu, Maqaan kee haa woyyoomu;

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 6:9
43 Referans Kwoze  

«Gooftaa keennaa fi yaa Waaqa keenna, waan maraa waan uumitteef, wonitti marrinuu ka uumamee fi ka jiraatu (jireenna ka argate) fedha keetiin waan ta'eef, ol aanttummaan, ulfinnii fi huminniti'llee si'iif ni male» ni jedhan turan.


Kanaaf, «Abbaa, yaa Abbaa keenna!» jettanii ka ittiin waamittan, hafuura finnumma'aa ni fudhattan malee, soda'aan jiraachu'uuf deebitanii hafuura garbumma'aa hin fudhanne.


Ijoollee Waaqaa ta'uu keennaan'llee Waaqaan, «Abbaa» jedha'aa ka isa waamuun, Hafuura Ilma isaa gara onnee keennaa ni erge.


Qoonqqa ol aana'aan'llee, Hoolaan qalame, huminna, qabeenna, ogummaa, jabeenna, ol aanttummaa, ulfinnaa fi galata fudhachuun, ka maluun ni jedhan.


Eegaa isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan, ijoollee teessaniif waan mishaa kennuu eega beekittan, eegasuu, ka samii jiru Abbaan keessan ammoo worra isa kadhataniif, attam caalichisee waan mishaa isaaniif hin kennine!»


Mootummaa Abbaa kiyyaa titti cuunffaa firii woyinnii haarawaa irraa isin woliin haga guyyaa dhuguu titti, ammaa achitti cuunffaa firii woyinnii kanaa irraa hin dhugu isiniin jedha.»


Dabalee'llee isin sami'itti ka qabddan Abbaa tokko qofa waan ta'eef, arddii irratti eennuun'llee, ‹Abbaa› jettanii, hin waaminaa.


Akkuma kana namoonni hujii keessan mishaa laalanii, Abbaa keessan ka sami'ii akka galateeffataniin, ifin keessan'llee namoota duratti haa ifu.»


ka'ee gara abbaa kiyyaa haa deemeeti, abbaa, Waaqaa fi si duranatti'llee balleessee jira,


Eennuuf'llee uduu hin dalin tokko tokkoofuu akka hujii isaatiin ka murtteessu, Waaqa «Abbaa keenna» jettanii ka waamittaniin eega ta'e, biyya lafaa kanatti keesumumma'aan galttoota taatanii yoo jiraattan, isa sodaachu'uun jiraadhaa.


Inni qoftti ka hin duune, eennu'llee itti dhiyaachuu ka hin danddeenne ifa keessa ni jiraata, isa gonkumaa eennu'llee hin argineen, eennu'llee isa argu'uuniif hin danda'u, ulfinnaa fi huminni bara baraa isaaf haa ta'u! Ameen.


Ilmi'llee, ‹abbaa, Waaqaa fi si duranatti'llee balleesee jira, ammaa achitti ilma kee jedhamuun, naan hin malu› jedhe.


«Sami'itti Waaqaaf ulfinni haa ta'u! ardditti'llee namoota Waaqinni jaalatu maraaf nageenni haa ta'u!» ni jedhan turan.


«Balleessaa namootaatiif dhiifama yoo taasfttan, isaaniif'llee Abbaan keessan ka sami'ii, dhiifama ni taasisa.


Ati garuu yeroo kadhattutti gara kutaa keetii aseen, balbala kee cufadhuutii gara ka dhossa'aan jiruu, gara Abbaa kee ka hin muldhanne kadhadhu, waan dhossa'aan hojjatame ka argu Abbaan kee'llee, gatii hujii kee misha'aa siif ni kafala.


Kanaaf akkuma Abbaan keessan ka sami'ii mud-maleessa ta'e, isin'llee muda maleeyyii ta'aa.


Namootaan yookiin karaa namaatiin uduu hin ta'in, karaa Yesus Kristositii fi karaa ka isa'llee du'aa kaase Waaqa Abba'aan barataa ta'ee ka ergame ana Phaawulosiin irraa,


Yesus «Amma'llee gara Abbaa kiyyaa ol hin deebineetii ana hin tuqin, garuu gara obboleeyyan kiyyaa deemiitii, ‹ani gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessan, gara Waaqa kiyyaatii fi gara Waaqa keessan ol ni deebi'a jedhee jira› jedhiitii, isaanitti himi!» isi'iin jedhe.


Deebi'ee'llee Yesus yeroo Lammaffaa'llee fagaatee deemeeti, «Yaa Abbaa! Duloo sarddamaa kan uduu hin dhugin ana irra dabrru ka hin dandeenne yoo taate, fedhii kee haa ta'u!» jechu'uun, ni kadhate.


Kanaaf worra Roomaa jiraattanii fi worra Waaqinni isin jaalateef worra isaa akka taataniif, ka isin waame maraaf, Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Sinbirroonni shishiikoon lamaan saantibii shaniin ni gurguramanii mitii ree? Haa ta'u malee, Abbaan keessan ka sami'ii uduu hin eeyyamin, sinbirroota shiikkoonuu, arddii irratti kufttee hin hafittu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite