Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 6:6 - Waadaa Haarawa

6 Ati garuu yeroo kadhattutti gara kutaa keetii aseen, balbala kee cufadhuutii gara ka dhossa'aan jiruu, gara Abbaa kee ka hin muldhanne kadhadhu, waan dhossa'aan hojjatame ka argu Abbaan kee'llee, gatii hujii kee misha'aa siif ni kafala.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Ati ammoo hennaa faateeffattu gara golaa ol seenii, balbala kee cufadhuu, Abbaa kee ka dhossaa jiru kadhadhu. Abbaan kee ka dhossa'aan si argu gatii kee sii kenna.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Ati ammo hennaa Rabbiin kadhattu gara golaa ol seenii, balbala kee cufadhuu, Abbaa kee ka dhossaa jiru kadhadhu. Abbaan kee ka dhossa'aan si argu gatii kee sii kennaa.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 6:6
17 Referans Kwoze  

Ummata'llee eega geegesseen duubatti kadhanna'aaf adda isaa gara gaara tokkoo irra ni baye, yeroo dhiitetti'llee Yesus achitti adduma isaa ni ture.


Phexiros garuu maraayyuu gara alaa baaseeti jilbbiiffatee ni kadhate, gara reeffaa'llee garagaleeti, «Xaabiitaa! Ka'i!» jedhe, isiin'llee ija isi'ii ni banatte, Phexirosiin'llee ni argite, kaatee'llee ni teette.


haaluma kanaan, soomuu kee Abbaa kee ka dhossa'aan jiru malee, ka bira'aa eennu'llee hin beeku. Ka waan dhossa'aan hojjatame argu Abbaan kee'llee, gatii kee siif ni kafala.»


Guyyaa itti aanutti isaan deemanii gara magaala'aa yoo dhiyaatan, gara saa'aatii jahaa titti gara mana Phexiros keessa ture mana wol irro'otti, kadhanna'aaf ni baye.


Eegaa arjjoomnni kee dhossa'aan haa ta'u, dhossa'aan waan hojjatame ka argu Abbaan kee, gatii hujii kee misha'aa siif ni kafala.


Eegaa Waaqa Abbaa duraatti jilibba kiyyaan jilbbiiffadhee ka kadhadhu sababaa kanaaf.


Fedhii fooniitiin ka jiraatan waan foonii, fedha hafuuraatiin ka jiraatan garuu waan hafuurawaa ni yaadan.


Qorneelewos'llee akkana ni jedhe, «Guyyaa afuriin duranatti yeroma kana saa'aatii sagalitti, mana kiyyatti ni kadhadha ture, kunoo dimmaa naminni uffata biliqisu uffate tokko, durana kiyya ni dhaabate,


Naatinaa'el'llee, «Eessatti ana beekitta?» jedheen. Yesus'llee, «Filiphos uduu si hin waamniin duranatti, muka harbbu'uu jala uduu jirttu si argee jira» jechu'uun, ni deebiseef.


Yesus «Amma'llee gara Abbaa kiyyaa ol hin deebineetii ana hin tuqin, garuu gara obboleeyyan kiyyaa deemiitii, ‹ani gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessan, gara Waaqa kiyyaatii fi gara Waaqa keessan ol ni deebi'a jedhee jira› jedhiitii, isaanitti himi!» isi'iin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite