Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 6:5 - Waadaa Haarawa

5 Yeroo kadhattantti akka worra fakeessitootaa hin ta'inaa! Isaan naminni akka isaanii arguuf jedhanii bakkeewwan woligayii isaatii fi karaa mara bira dhaabatanii, kadhachuu ni jaalatan. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii durssanii argatanii jiran.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 «Isin hennaa faateeffattan, akka worra fakkeessuu hin ta'inaa'a! Isaan akka worri biraa isaan arganiif, mana sagadaatii fi wolgayii karaa gugurdaa irra dhaabatanii kadhachuu jaalatan; ani dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 «Isin hennaa Rabbiin kadhattan akka worra fakkeessuu hin ta'inaa'a! Isaan akka worri biraa isaan arganiif mana sagadaatii fi wol gayii karaa gugurdaa irra dhaabatanii Rabbiin kadhachuu jaalatan; ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii fudhataniiran.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 6:5
34 Referans Kwoze  

«Kanaaf hiyyeesotaa yeroo arjjoomttantti, fakkeessitoonni bakka woligayii isaaniitii fi karaa mara irratti akkuma raawwatan, muldhachu'uuf hin raawwatinaa, dhugamaan isinitti ni hima, isaan gatii isaanii durssanii fudhatanii jiran.»


«Qaraacichi garuu fagoo dhaabateeti, ol jedhee gara sami'iituu laalu'uufuu hin uggine, garuu harka isaatiin laphee isaa dhaya'aa, ‹yaa Waaqaa kiyya! Ana cubbamaa kana marri!› ni jedha ture.


Abbaan keessan ka sami'ii jiru cubbuu keessan akka isinii dhiisuuf, isin'llee kadhanna'aaf yeroo dhaabattanitti naminni waan tokkoon isin mufachiisee yoo jiraate, dhiifama taasisa'aaf. [


Isaan'llee fakkeessu'uuf kadhannaa dheeraa dhiyeessaniin sababata'aa, dubarttoota abbootiin worraa isaanii iraa du'an ni saaman, kanaaf murtiin caalaa ta'e isaan ni argataan» jedhe.


Ta'u''llee kitaabnni, «Waaqinni ufi tuulttota ni morma, gara laafeyyi'iif garuu kennaa isaa ka bilisaa ni kenna» waan jedhuuf, kennaan bilisaa ka Waaqinni kennu, maraa ni caala.


Kanaan duubatti Yesus uduu hin hifatin yeroo mara kadhachuu akka qaban barsiisu'uuf, fakkeenna kana isaanitti ni hime,


Yeroo maraa Hafuura Qulqullu'uun eemarama'aa kadhanna'aa fi woyata dhiyeessaa. Bu'ura kanaan'llee namoota Waaaqinni isaan qulqullaayomiseef jabaadhaatii kadhadhaa.


Isin Fariisonni isinii uunsha'a! Bakka wolgayi'ii keessa barcumaa ulfinnaa irra taa'uu ni jaalatan, akkuma kana bakka yaa'ii'iitii fi bakka gabaya'aa titti, akka naminni marri gad jedhee nagaya isin gaafatuuf, ni barbaadan.


Amantanii kadhanna'aan waan kahattan maraa, ni argattan.»


Uduu addaan hin kutin kadhadhaa.


Haga ammaa titti isin maqaa kiyyaan womaayyuu hin kadhanne, kadhadhaa isiniif kennama, gammachuun keessan'llee muda maleessa ni ta'a.


Yesus yoo barsiisu akkana ni jedhe, «Uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naanayuu, bakka gabaya'aa titti nagaya kabaja'aa fudhachu'uuf worra jaalatan, barsiisota seeraa irraa ufi eeggadhaa.»


Eegaa hojjattoota isaa gara hujii calla'aa titti akka erguuf, abbaa calla'aa kadhadhaanii.»


«Naminni gara Mootummaa Sami'ii titti akka hin aseennef balbala ka cufittan isin fakkeesitoota nana, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Isin mataa keessan itti hin aseenttan, worra barbaadan'llee akka itti hin aseenneef ni dhoogitan!» [


bakka afeerri'ii titti bakkee kabajaa, bakka wolgayi'ii isaanii titti'llee barcumaa jalqabaa, qabachuu ni jaalatan.


Yesus'llee itti aanssee akkana ni jedhe, «Yeroo soomttanitti namoonni soomuun isaanii akka isaanii beekaniif, akka worra fuula isaanii jijjiiranii akka fakkeessitootaa, fuula keessan hin qaamessinaa, dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii fudhatanii jiran.


Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Namoonni nuuf haa argan jettanii hujii keessan mishaa namoota duranatti, raawwachuu irraa ufi eeggadhaa, yoo ta'uu dhabaate garuu, Abbaa keessan ka sami'ii biratti gatii woyiituu hin ariggattan.»


Hujii isaanii mara ka raawwatan akka namoonni isaanii arganiif jedhaniit, qudhaamman isaanii ni babaldhisan, handaara uffata isaanii ka kadhanna'aa ni dheeresan,


«Isin durreeyyiin garuu, mijaayinna keessaniif waan ta'u maraa, amma argattanii jirttaniitii, Isinii uunsha'a!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite