Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 6:4 - Waadaa Haarawa

4 Eegaa arjjoomnni kee dhossa'aan haa ta'u, dhossa'aan waan hojjatame ka argu Abbaan kee, gatii hujii kee misha'aa siif ni kafala.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 6:4
19 Referans Kwoze  

haaluma kanaan, soomuu kee Abbaa kee ka dhossa'aan jiru malee, ka bira'aa eennu'llee hin beeku. Ka waan dhossa'aan hojjatame argu Abbaan kee'llee, gatii kee siif ni kafala.»


Ati garuu yeroo kadhattutti gara kutaa keetii aseen, balbala kee cufadhuutii gara ka dhossa'aan jiruu, gara Abbaa kee ka hin muldhanne kadhadhu, waan dhossa'aan hojjatame ka argu Abbaan kee'llee, gatii hujii kee misha'aa siif ni kafala.


Kana yoo raawwatte isaan harka si deebisu'uuf waan hin dandeenneef, ka eebbifamitte ni taata. Yeroo du'aa ka'iinssa worra qulqullaayotaa titti'llee, Waaqinni siif ni kafala.»


«Akkuma kana ka dhokate uduu hin muldhatin, ka bade uduu hin beekkamin, ka hafu hin jiru.»


Akka hin kufnne ka isin taasisu'uu fi worra ashaa hin qabnne isin taasisee gammachu'uun ulfinna isaa duranatti isin dhiyeessu'uuf ka danda'u,


Waaqaa duranaa ka dhokatu uumaminni woyiituu hin jiru, ija isaa duranatti wonitti marrinuu ifaa fi qullaa isaa ta'ee ka mulidhatu, nu'llee deebii kennuu ka qabnnu isa duranatti.


«Dhugamaan isiniin jedha, barataa kiyya ta'uu isaatiin, worra maandhotaa kanniin keessaa tokkoo, bishaanuma qabbanaayaa kubbaayaa tokkootuu naminni kennu, gatii isaa hin dhabu.»


Ijoollee isi'ii'llee du'aan ni adaba, woldayoonni amanti'ii marri'llee yaada namaatii fi hawwii isaa'llee ka qoradhu ana ta'uu kiyya ni beekan, tokkoo tokkoo keessaniif'llee akka hujii keessaniitiin, isiniif ni kenna.»


Kanaaf yeroon uduu hin gayin, Gooftaan murti'iif uduu hin dhufniin duranatti eennuun irratti'llee hin murteessinaa, inni yeroo dhufutti dhossaa dukkana keessatti dhokate gara ifaa titti ni baasa, yaadinni onnee namoota keessatti dhokate'llee ni muldhisaan, yeroo sanitti tokkoon tokkoonuu Waaqa biraa galata barbaachisaa ni argata.


Ati garuu kennaa arjjoomaa yeroo arjjoomttutti, waan harki kee ka mirgaa raawwatu, harki kee ka bita'aa hin beekin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite