Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 6:10 - Waadaa Haarawa

10 Mootummaan kee haa dhufittu, fedhiin kee akkuma sami'itti ta'e, akkuma kana ardi'itti'llee haa ta'u.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Jeennanni tee haa dhuftu; fedhiin tee akkuma samii irratti taate, akkasuma lafarrattillee haa taatu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Jeennanni kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti ta'e, akkasuma lafa irrattillee haa ta'u.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 6:10
44 Referans Kwoze  

Fedhii Waaqaa raawwattanii waan Waaqinni isinii kennu'uuf waadaa isiniif aseene argachu'uuf, obissaan eeggachuu isin ni barbaachisa.


Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Nyaanni kiyya fedhii ka ana ergee taasisu'uu fi hujii isaa'llee raawwachu'u.


Deebi'ee'llee Yesus yeroo Lammaffaa'llee fagaatee deemeeti, «Yaa Abbaa! Duloo sarddamaa kan uduu hin dhugin ana irra dabrru ka hin dandeenne yoo taate, fedhii kee haa ta'u!» jechu'uun, ni kadhate.


Samii ka jiru fedhii Abbaa kiyya ka raawwatu marrinuu, obboleessa kiyya, obboleetti'ii fi haati tiyya'llee isaan» jedhe.


Waan maraanuu Waaqa galatteeffadhaa, jireenna Yesus Kristosiin qabddaniin Waaqinni isin irraa ka barbaadu kana.


Misha'aa fi ka gammachiisu muda maleessa ka ta'e'llee, fedhii Waaqaa beeku'uuf akka dandeettan sammuu keessan haaressu'uun jireenni keessan akka jijjiiramu malee, biyya lafaa kana hin fakkaatinaa.


Ee! Fedhiin Abbaa kiyyaa Ilmaa ka laaluu fi isatti ka amanan marrinuu, jireenna bara baraa akka argataniif, ani'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasa.»


Kanaaf kana guyyaa itti dhageennee jala qabee isin ogummaa hafuuraya'aa fi hubannaa maraan, fedhii Waaqaa ka hubattanii beekkomissa guutuu akka qabaattaniif, isinii kadhachu'uu fi Waaqa gaaffachuu irraa nu'u addaan hin kunne.


Ka ajajamittan'llee fedhii Waaqaa onne'een akka worra raawwatanii akka tajaajiltoota Kristosii taataniiti malee, nama gammachiisu'uuf jettanii muldhataaf hin ta'in.


Yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! ka naan jedhu marrinuu gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenu, gara Mootummaa Waaqaa titti ka aseenu, fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu ka raawwatu.»


Waan mishaa raawwachu'uun haasaya worra gowwa'aa ka beekkomissa malee haasayamu akka caldhisiifttaniif, fedha Waaqaati.


fedhii isaa raawwachu'uuf akka geettan waan mishaa maraan isin haa hidhachiisu, ka gamachiisu karaa Yesus Kristositiin nu irratti haa raawwatu, Yesus Kristosiif'llee baraa haga baraa titti'llee, ulfinni haa ta'u! Ameen.


Yoo barsiisutti'llee, «Kunoo! Mootummaan Sami'ii dhiyaattee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» ni jedha ture.


«Yaa Abbaa! Fedhii kee yoo ta'e duloo rakkinnaa kana, ana irraa fageessi! Garuu fedhii kee haa ta'u malee fedhiin kiyya hin ta'in.»


Fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf ka barbaadu yoo jiraate, barsiifnni kun Waaqa irraa ka argame yookiin ana mataa kiyyaa irraa ka dubbadhe, ta'uu ni beeka.


Qooniqqi namoota baayi'ee, qoonqqa bishaanii yaa'uu, qoonqqa bakakkaa cimittu'uu'llee qooniqqi fakkaatu akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Haalle luyyaa!» Waaqinni keenna Gooftaa maraa dandda'u ni moo'a!


Fedhiin Waaqaa akka isin Qulqulloofttanii fi sagaagala irraa akka fagaattaniif.


Gorssa keenna'llee hin fudhadhu yeroo jedhetti garuu, «Eegaa akka fedhii Waaqaa haa ta'u» jennee, ni dhiifinneen.


Saa'oliin'llee aangoo irraa eega buuseen duubatti Daawiitiin isaanii nugusa ni taasise, Waaqinni waayee Daawiitii raagaa yoo bayu, akka fedhii kiyyaa ka naa ta'u, fedhii kiyya'llee ka naaf raawwatu, ilma Iseyii Daawiitiin ni argadhe jedhee jira.


Yeroo sanii jalaqabee Yesus, «Mootummaan Sami'ii dhiyaatee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» jedha'aa, lallabuu jala ni qabe.


Kanaan duubatti qooniqqi ol aanaa tokko sami'ii akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Kunoo fayyisummaan, huminni, mootummaan'llee ka Waaqa keennaa ta'ee jira! Aangoon ka Mashichaa ta'ee jira! Obboleeyyan teenna Waaqa keenna duranatti halkanii fi guyyaa ka isaan ni saaxila ture, himataan obboleeyyan teennaa gatamee jira,


Ammaa achitti'llee jireenna isaa ka arddiilessaa titti ka jiraatu fedhii foonii hamaa raawwachu'uun uduu hin ta'in, fedhii Waaqaa raawwachu'uun.


Yeroo sanitti ani, yaa Waaqa, akkuma waayeen kiyya kitaaba irratti barreeffametti, fedhii kee raawwachu'uuf dhufee jira ni jedhe.


Akkana'llee ni jedhan turan, «Maqaa Goofta'aatiin nugufnni dhufu ka eebbifame! Nageenni sami'itti, ulfinni'llee Waaqaaf, ol gubba'atti haa ta'u!»


Fedhii Waaqaa ka raawwatu marrinuu, inni obboleesa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya'lle'e» jedhe.


Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa ulfinna mootummaa isaatiin yoo dhufu haga arganitti, worra asi dhaabatan keessaa namoonni hin duune ni jiran.»


Mootummaan abbaa keenna Daawiitii ka dhufu, ka eebbifame. Hosa'ianaa ol sami'itti!» jedha'aa, ni iyyan ture.


Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.


Eeegaa, maleyikkoonni marrinuu namoota fayyisan tajaajiluuf ka ergaman, tajaajilttoota Waaqaa ka ta'an hafuurotaa miti moo?


Inni huminna dukkanaatii baasee gara mootummaa Ilma isaa ka jaalatamee, akka gallu nu taasisee jira.


Uduma namoonni kana dhagayu'utti jiran Yesus fakkeenna tokko dabalee isaanitti ni hime, inni gara Yerusaalemii waan dhiyateef namoonni Mootummaan Waaqaa ammumaan tana waan muldhattu, isaanitti fakkaatee ture.


Inni'llee akkana naan jedhe, Waaqinni abbootii teennaa fedhii isaa akka beekitu qulqullicha akka argituu fi qoonqqa isaa'llee akka dhageettuuf, durssee si filatee jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite