Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 5:16 - Waadaa Haarawa

16 Akkuma kana namoonni hujii keessan mishaa laalanii, Abbaa keessan ka sami'ii akka galateeffataniin, ifin keessan'llee namoota duratti haa ifu.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

16 Hujii mishaa keessan arganii, Abbaa keessan ka samii jiru akka kabajjan, ifni keessan nama maraa afo'otti haa ifuu» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Hujii mishaa keessan arganii akka Abbaa keessan ka samii jiru kabajjan ifni keessan nama maraa afo'otti haa ifuu» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 5:16
42 Referans Kwoze  

Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa.


Ati'llee waan mishaa ta'e raawwata'aa waan maraanuu fakkeenna isaaniif ta'i, dhugummaa barsiisa keetiitiin'llee, atoomessa ta'uu kee muldhisi,


Firii baayi'ee yoo daraarttan kanaan Abbaan kiyya ni ulffaata, isin'llee barattoota kiyya ta'uu keessan ni muldhifttan.


Duraan isin dukkana keessa ni jiraattan ture, amma garuu ka Goofta'aa waan taataniif isin ifa, kanaaf akka namoota ifaan jiraatanii titti dedeebi'aa.


Deebiin keessan garuu gara laafnnaa fi kabaja'aan haa ta'u, ka Kristosii ta'uu keessaniin amala mishaa qabddan irratti hamaa namoonni dubbatan, haasaya hamaa isaaniitiin akka saalifataniif sammuu mishaa qabaadhaa.


Waayee maqaa Kristositiif yoo arrabisamittan Hafuurri ulfinnaa jechuun, Hafuurri Waaqaa isin irratti waan ta'uuf, gammadaa.


Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u.


Namoonni keenna'llee ammoo firii malee akka hin hafinnee fi rakkinna jireenna salphisuu akka danda'aniif, hujii mishaa hojjachuu haa baratan.


Akkuma kana hujii mishaa akka hojjataniif, hujii misha'aan'llee dureeyyii akka ta'aniif, arijjoomu'uu fi waan qaban'llee qooduuf qophaayota akka ta'aniif, isaan ajaji.


Tajaajilli arjjoomaa keessan kun isin wongeela Kristosii fudhattanii amanamoota ta'uu keessan fi isaaniif kaanniinii'llee arjjoomuu keessan ka mirkaneessu waan ta'eef, marrinuu Waaqa ni galateeffatan.


Nu'u Waaqinni durssee ka isaan qopheesse hujiiwwan mishaa akka hojjannuuf karaa Yesus Kristositiin irra deebinee ka uumaminne, uumamttoota Waaqaati.


Jaalalaa fi hujii misha'aan dammaqinnee akka jiraannu tokko ka bira'aa haa yaadachiisuun,


Ka barsiisu akka waan dubbii Waaqaa barsiisuu titti haa barsiisu, ka tajaajilu'llee huminna Waaqinni isaa kennuun haa tajaajilu, bifa kanaan'llee Waaqinni karaa Yesus Kristositiin waan maraanuu ni galateeffatama, ulfinnaa fi angoon, baraa haga baraa titti'llee isaaf haa taatu, Ameen.


Yeroo maraa isin gorssa'aatii fi isin jajabeessa'aa mootummaa isaatii fi ulfinna isaa'llee akka qoodamttaniif ka waamamittan, akkaataa waan Waaqinni ittiin gammaduutii akka jiraattaniif yaboo akka isiniin jenne ni beekittan.


Akkuma kana isin haawotiin worraa! Abbootii worraa keessaniif ajajamaa, bifa kanaan tokko tokko dubbii Waaqaa titti ka hin amanne yoma ta'an'llee, dubbii isaatiin alatti amala haadha worraa isaanii qofaan qalbbiin isaanii fudhatamu'uuf ni danda'a.


Iyyoophee'llee Xaabiitaa ta jedhamttu amanttuu takkatu jira ture, hiikkaan maqaa isi'ii'llee afaan Giriikiitiin Dorkaas hiikkaan isaa'llee kuruphee jechu'u, isiin'llee waan mishaa raawwachu'uu fi hiyyeesotaa arjjoomuu, hujii isi'ii ka yeroo maraa ta taasffatte ni turtte,


Akkuma kana hujiin mishaan ifa, ka ifa hin ta'in'llee dhokatee hin hafu.


Kana yoo raawwattan, Abbaa keessan ka samii jiruuf ijoollee ni taatan. Inni hamootaa fi worra mishaawwaniif'llee aduu ni baasa, akkuma kana qulqullaayotaa fi worra hamaa hojjataniif'llee rooba ni roobisisa.


Kristos hammeennumaa mara irraa nu fayyisu'uu fi hujii mishaa hojjachu'uuf hisattootaa fi ummata qulqulluu isaaf adda baye akka taanu, nu qulqulleessu'uuf waayee keennaaf mataa isaa dabarssee ni kenne.


Akkuma kana ijoollee akka ta'utti guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, miila worra Qulqullu'uu miicu'uun, worra rakkatan gargaaru'uu fi hujii mishaa kamiin mara hojjachu'uun, hujii mishaa ta'e maraaf'llee, ta hisattu ta'uu qabddi.


Waaqa ni waaqeffanna dubarttoonni jedhan bifa raawwachuun isaan irra jiru, hujii misha'aan ufi haa bareechisan.


Waayee kiyyan'llee Waaqa ni galateeffatan turan.


Garuu qoricha keenna ka ta'e mishummaan Waaqa keennaatii fi jaalalli isaa ka itti guute gara laafnni isaa yeroo muldhatetti,


Onnee isaa keessatti wonitti dhoffame'llee ni muldhatta, kallacha isaatiin'llee gonbbifamee, «Dhugamaanuu Waaqinni jidduu keessan ni jira!» jechu'uun, Waaqaaf ni sagada.


Yesus'llee, «Yoo kadhattan akkana jedhaa isaaniin jedhe, ‹[samii ka jiraatu] yaa Abbaa keenna! maqaan kee Qulqulluu haa ta'u! mootummaan kee haa dhufittu!


Ummanni'llee yeroo kana arganitti ni maalalffatan, aangoo akkana kana'llee namaa kennuu isaatiif, Waaqa galateeffadhaa.


Hujii isaanii mara ka raawwatan akka namoonni isaanii arganiif jedhaniit, qudhaamman isaanii ni babaldhisan, handaara uffata isaanii ka kadhanna'aa ni dheeresan,


Yesus'llee itti aanssee akkana ni jedhe, «Yeroo soomttanitti namoonni soomuun isaanii akka isaanii beekaniif, akka worra fuula isaanii jijjiiranii akka fakkeessitootaa, fuula keessan hin qaamessinaa, dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii fudhatanii jiran.


Dabalee'llee isin sami'itti ka qabddan Abbaa tokko qofa waan ta'eef, arddii irratti eennuun'llee, ‹Abbaa› jettanii, hin waaminaa.


Kanaaf isin akkana jedha'aatii kadhadhaa, ‹samii ka jiraattu yaa Abbaa keenna, maqaan kee haa galateeffamu,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite