Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 5:12 - Waadaa Haarawa

12 Mootummaa Waaqaa titti gatiin argattan guddaa waan ta'eef gammadaa, ilili jedhaa'llee. Isiniin durana worra turan nabiyyoota irra'llee akkuma kana ari'amu'uu fi rakkinni'llee isaan irra gayee jira.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

12 Isaan raattota isiniin duraatuu akkasuma ari'aa turan. Gatiin keessan samii gubba'atti guddaa waan ta'eef, gammadaa ililfadhaa'a» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Isaan raattota isiniin duraatuu akkasuma ari'aa turan. Gatiin keessan waan samii gubba'atti guddaa ta'eef, gammadaa ililfadhaa'a» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 5:12
51 Referans Kwoze  

Sami'itti gatiin keessan gudda'aatii kun marrinuu isin irra yoo gaye, isin ka eebbifamittan! Fandalalaa, abbootiin keessan ka duraanii'llee nabiyyoota irratti, hammeenna akkanaa kana isaan irratti raawwatanii jiran turan.»


Yaa obboleeyyan! Qorammaanni gara garaa isin irra yoo gayutti, akka waan wonittoota gammachiisaa ta'an argattanii taasisa'aatii laakkayaa.


Kanaaf'llee Gooftaan qabiyyee sami'ii gatii taasisee akka isiniif kennu ni beekittan, Gooftaan tajaajilttan'llee Kristos.


kana irra ulfinni Kristosii yeroo itti mulidhatutti haalaan akka gammaddan, haguma qoodamtoota rakkinna isaa taataniitiin, gammadaa.


Amma'llee waayee rakkinna isiniif fudhadhuutiin ni gammada; waayee qaama isaa ka taateetii fi waayee woldaya amanti'iitiif'llee, rakkinna Kristosii qoodamu'uuf ka narraa dhidhate, foon kiyyaan ni guuta.


Kana qofaan uduu hin ta'in rakkinni obissa akkuma nuuf argamisiisu waan beekinuuf, rakkinna keennaan'llee ufi ni dhaanna.


Ilmi Namaa ulfinna Abbaa isaatiin ta'ee maleyikkootaan woliin ni dhufa, yeroo sanitti'llee tokkoo tokkoof akka hujii isaatiin, gatii isaa ni kafalaaf.


Amantii malee Waaqa gammachiisuun hin dandda'amu, gara Waaqaa naminni dhiyaatu Waaqinni jiraachuu isaa namoota isa barbaadaniif'llee kennaa ka kennu, ta'uu isaa amanuu qaba.


Yihudonni Gooftaa Yesusii fi nabiyyoota ka ajjeessan, nu'llee ari'anii worra biyyaa baasan, isaan worra Waaqa gaddisiisanii fi namoota mara'llee worra jibban,


Waaqaaf amanti'iin kitimaan dhiyeessitanii fi tajaajila irratti, lubbuun tiyya'llee kitimaa dabalataa taatee yoma dhiyaatte'llee ni gammada, isin'llee qoodamtoota gammachuu kiyyaa ni taatan.


Kun'llee salpha'aa fi ka yeroo ka ta'e rakkinni keenna, ka haga hin qabnne haalaan ol aanaa ka ta'e ulfinna bara baraaf, nu'uuf ni argamisiisa.


Ergamittoonni garuu waayee maqaa Yesusiitiif salphinna fudhachuuf ka malan ta'uu isaaniitiin, gammada'aa bakka yaa'ii isaaniitii bayanii ni deeman,


Yesus'llee itti aanssee akkana ni jedhe, «Yeroo soomttanitti namoonni soomuun isaanii akka isaanii beekaniif, akka worra fuula isaanii jijjiiranii akka fakkeessitootaa, fuula keessan hin qaamessinaa, dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii fudhatanii jiran.


Ka dhaabe'llee ta'ee ka bishaan obaase'llee wol qixa, tokkoon tokkoon isaanii'llee akka hujii isaatiin gatii isaa ni fudhata.


Isin garuu diinota keessan jaaladhaa! Waan mishaa'llee isaaniif raawwadhaa, harka keenna nutti fakkaata jettanii abddii uduu hin taasisin liqeessaa, kana yoo taasfttan gatiin keessan guddaa ni ta'a, ijoollee Waaqa Jiraata'aa'llee ni taatan, inni worra galata dhabeeyyi'ii fi hamaaleyyi'iif'llee uduu hin hafin arjja'a.


Gara halkan qixxee titti, Phaawulosii fi Siilaas kadhannaa fi faarssaan Waaqa ni galateeffatan ture, hidhamttoonni kuunniin'llee, isaan ni dhageeffatan ture.


«Yerusaalem! Yaa Yerusaalem! Ati ta nabiyyoota ajjeefittu, ergamoota gara kee ergaman'llee dhaga'aan ta woqartu, akkuma lukkuun cuucii isi'ii koola isi'ii jalatti wolitti qabddutti, ani'llee yeroo meeqa ijoollee tee wolitti qabu'uuf ni barbaade! Atii fi ummanni kee garuu ni diddan.


Ufi duranatti'llee gatii fudhachu'uuf jiru waan argeef, qabeenna biyya Gibxii irra waayee Masihichaatiif salphachuun, ka caaluu ta'uu ni yaade.


Carraan Kristosiin tajaajiluuf ka isiniif kenname isa qofatti akka amantaniif uduu hin ta'in, waayee isaatiin'llee rakkinna akka fudhattaniif'le'e.


Isin qabeenna fooyyaya'aa fi jiraataa sami'itti akka qabddan beekuu keessaniin hidhamttootaaf garaa laafttanii jirttan, qabeenni keessan'llee isaan irraa yoo fudhatamutti obissitanii, haala jiru gammachu'uun fudhattanii jirttan.


Isaan'llee amanti'iin mootummtoota injifatanii ni moo'an, abddii bulichiinssa murti'iitiin isaaniif kenname'llee ni argatan, afaan leencotaa ni cufan,


Yaa obboleeyyan, maqaa Goofta'aatiin nabiyyoonni dubbatan rakkinna obissaan fudhachu'uun, fakkeenna ta'uu isaanii beekaa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite