Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 4:12 - Waadaa Haarawa

12 Yesus hidhamuu Yohaannisii yeroo dhagayetti, gara arddii Galiila'aa ni deeme.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

12 Yesuus akka Yohaannis dabarfamee kenname hennaa dhagaye, gara Galiila'aa deebi'e.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Yesuus akka Yohaannis dabarfamee kenname hennaa dhagaye gara Galiila'aa deeme.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 4:12
13 Referans Kwoze  

Yohaannis qabamee gara mana hidha'aa eega aseeneen duubatti, Yesus Wongeelaa Waaqaa lallaba'aa gara Galiila'aa ni dhufe.


Heerodis hammeenna irratti hameenna dabalu'uun, Yohaannisiin gara mana hidha'aa titti, ni galcheen.


Heerodis'llee Yohaanisiin qabssiisee mana hidha'aa titti hisiseenii jira ture, kana'llee ka raawwate haadha worraa obboleesa isaa Filiphosii ka turtte, sababa Heerodiyaada'aatiin.


Yeroo sanitti Yohaannis hin hidhamnneeyyu ture.


Yesus'llee huminna Hafuura Qulqullu'uutiin guuttamee gara Galiila'aa ni deebi'e, Maqaan isaa'llee gara biyyoota naannoo jiranii maratti, ni dhagayame.


Heerodis haadha worraa obboleessa isaa Filiphosii Hirodiyaadaa waan fuudheef, Yohaannisiin sababa isi'iitiin qabsiisee, mana hidha'aa titti hidheenii ture.


Baafinni kun Yesus Yihuda'aa gara Galiila'aa dhufee ka raawwate, baasa lamaffaat.


Yesus Samaariya'atti guyyaa lamaa eega tureen duubatti, gara Galiila'aa ni deeme.


Kanaan duubatti'llee, Yesus gara magaalaa arddii Galiila'aa titti argamittuu, gara Qifirnnaahoomii ni dhaqe, achitti'llee ummata guyyaa Sanbbataatiin ni barsiisa ture.


Yohaannisiin cuuphaan mana hidha'aa uduu jiru, waayee hujii Kristosii dhagayuu isaatiin barattoota lama ergee,


Isaan garuu, «Naminni kun Galiila'aa jala qabee haga asii titti, arddii Yihuda'aa marattuu barsiisa'aa, ummata jeequmssaaf ni kakaasa» jedha'aa, ciminnaan ni himataniin.


Guyyaa itti aanutti'llee Yesus gara Galiila'aa deemu'uuf ni barbaade, Filiphosiin'llee argateeti, «Ana horddof!» jedheen.


Yesus'llee kana baasa jalqaba baasota maraa ka ta'e kana, arddii Galiila'aa magaalaa Qaana'aa titti ni taasise, bifa kanaan'llee ulfinna isaa ni muldhise, barattoonni isaa'llee isatti ni amanan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite