Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 4:11 - Waadaa Haarawa

11 Kanaan duubatti sheexanni Yesusiin ni dhiiseen, maleyikkoonni'llee dhufanii, ni tajaajilaniin.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin dhiisee deeme; maleekoonnillee dhufanii isa tajaajilan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin dhiisee deeme; achii maleekkonni dhufanii isa tajaajilan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 4:11
13 Referans Kwoze  

Haa ta'u malee ani Abbaa kiyya uduu kadhadhee, inni hoomaa maleyikkoota kuma baayi'eetti laakkayaman, ka naaf hin ergine sitti fakkaataa?


Eeegaa, maleyikkoonni marrinuu namoota fayyisan tajaajiluuf ka ergaman, tajaajilttoota Waaqaa ka ta'an hafuurotaa miti moo?


Yeroo sanitti maleyikkaan isa jajabeessu sami'ii dhufee itti ni muldhate.


Sheexanni'llee Yesusiin qormaatuu eega xumureen duubatti, yero'oof dhiiseenii ni lixe.


Waaqinni Ilma isaa ka hangafaa gara biyya lafaa yeroo ergetti, «Maleeyikkoonni Waaqaa marinuu haa sagadaniif» jedha.


Bulichaan biyya lafa tanaa sheexanni dhufuu isaa waan ta'eef ammaa achitti isin woliin baayi'ee hin haasayu. Inni'llee ana irratti huminna woyiituu hin qabu,


Guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti isin woliin yeroo argamutti, ana hin qabnne ture, amma garuu yeroo keessan fi yeroo angoo dukkanaati.»


Gammoojjii sanitti'llee sheexanaan qormaatama'aa guyyaa afurtamaaf ni ture, bineensota bosonaa woliin'llee ni ture, maleyikkoonni'llee ni tajaajilaniin.


«Miilli kee dhaga'aan akka hin gufanneef, ‹harka isaaniitiin akka si irkisan, maleyikkoota isaa siif ni ajaja› jedhamee barreeffamee jiraatii, Ilma Waaqaa yoo taate, asii irraa gara gadii mataa kee darbbi!» jedheen.


Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni, «Nama ta'ee ni muldhate, dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame, maleyikkootatti ni muldhate, ummatoota maraaf ni lallabame, namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan, ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite