Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 4:10 - Waadaa Haarawa

10 Yeroo sanitti Yesus, «Gooftaa Waaqa keetiif sagadi, isuma qofa'llee Waaqeffadhu! jedhamee barreeffamee jiraatii, ati sheexanni narraa fagaadhu!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Hennaa san Yesuus, «Ati seexana! na irraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi; isuma callaa waaqeffadhu› jedhamee barreeffameera» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 4:10
30 Referans Kwoze  

Yesus'llee, «Waaqa Gooftaa kee qofaaf sagadi! Isuma qofa'llee Waaqeffadhu! Jedhamee barreeffamee jira» jechu'uun ni deebiseef.


Kanaaf Waaqaaf bitamaa, daabiloosiin garuu mormma'aanii, inni'llee isin irraa ni dheessa.


Biyya lafaa mara irra ka jiran obboleeyyan teessan rakkinna bifa kanaa akka fudhatan beeku'uun, amanti'iin jabaadha'aatii mormma'aanii.


Yesus garuu ufi irra garagalee Phexirosiin, «Ati sheexana nana! Waan namaa malee ka Waaqaa waan hin yaadinneef, ati anaaf gufu'u» jedheen.


Gammoojjii sanitti'llee sheexanaan qormaatama'aa guyyaa afurtamaaf ni ture, bineensota bosonaa woliin'llee ni ture, maleyikkoonni'llee ni tajaajilaniin.


Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Sheexanni akka bakakka'aa titti darbamee sami'ii yoo bu'u ni argeen,


Kanaaf sheexanni ufii isaatii qoodamee gargar ka bayu yoo ta'e, mootummaan isaa attamitti jabaatee dhaabachu'uuf danda'aa? Isin garuu, ‹inni hafuurota ka baasu Bi'el Zebuliin› naan jettan.


Kunoo, fiixaa Abrahaamii ka taate dubarttiin tun woggaa kudha saddeetii guutuu, sheexanaan hidhamttee sarddama'aa jiraattee jirtti, eegaa, bakka isiin hidhamttee ittiin makkaraarttuu guyyaa Sanbbataatiin hiikamuun isi'iin irraa hin maluu ree?»


Yeroo sanitti barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa nama biyya Asiqortu'uu titti Sheexanni ni gale.


Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Simoon! Simoon! Kunoo, akkuma qotee bulaan qamadii hafarssee ibbiqiin adda baasu, akkuma kana sheexanni isin hafarssu'uuf ni barbaade.


Yihudaan'llee fuudhaa eega fudhateen duubatti, bakkumatti seexanni isaa keessa ni bule, Yesus'llee Yihuda'aan, «Raawwachu'uuf waan yaadde dafiitii raawwadhu!» jedheen.


Phexiros garuu akkana ni jedheen, «Yaa Anaaniyaas! Hafuura Qulqulluu akka sobdduu fi gurgurttaa lafaa irraa'llee wolakkaa akka hanbifattuuf Sheexanni si taasise, maali'iitiif gara onnee keetii aseene?


Ija isaanii akka isaanii banttuu fi dukkana keessaa gara ifaa titti akka isaan baafttuuf, bulchiinsa sheexanaa jalaa'llee gara Waaqaa titti akka isaan deebifttuuf si ni taasisa, isaan'llee sababa anatti amanuu isaaniitiin dhiifama cubbuu ni argatan, worra filataman jiddu'utti'llee qabiyyee ni qoodaman.


cubbu'uun ka guuttame foon nama kanaa akka diigamuuf, sheexanaaf dabarsitanii isa keennuun isin irraa ni mala. Kana'llee ka raawwattan Gooftaan Yesus guyyaa murti'iif itti dhufutti, lubbuun nama kanaa akka fayyituuf.


Kadhanna'aan jabaachu'uuf lamaan keessanuu woliigalttanii yeroo murttaayeetti yoo ta'e malee, gargar bayu'uun tokko ka bira'aa mirga isaa ka fuudhaa fi heerumaa hin dhoogatin. Sababa kanaan'llee mataa keessan toowachuu dadhabiddanii Sheexanni akka isin hin qoranneef, deebi'aatii woliin jiraadhaa.


Kana'llee ka raawwadhu hujii sheexanaa ka dabaa waan beekinuuf, akka Sheexanni nu hin sobinneef jedheeti.


Kun'llee waan nama dinqisiisuu miti, Sheexanninuu maleyikkaa ifaa fakkaachu'uuf, mataa isaa ni jijjiira.


Kanniin wonittoota ol aanota natti mulidhatan irraa ka ka'een akka ufi hin dhaadinnef, foon kiyya akka qore'ee titti ka woraanu makkaraarnni naaf ni kenname, kun'llee barataa sheexanaa ta'u'uun ana gad qabee makkaraarssu'uun, akka ani ufi hin dhaadinne ana taasisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite