Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 3:7 - Waadaa Haarawa

7 Garuu Yohaannis Fariisotaa fi Saduuqoota keessaa baay'een isaanii cuuphamu'uuf gara isaa yoo dhufan yeroo argetti, akkana isaaniin jedhe, «Isin ijoollee boofaa nana! Dheekkamissa dhufuu jalaa akka baataniif eennutu ufi isin eeggachiise?

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Yohaannis Fariisotaa fi Saduuqonni hedduu cuphamu'uuf gara isaa hennaa dhufan argee, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Rabbii ta isinitti dhufa'aartu jalaa baqattan eentu isinitti hime?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Yohaannis Fariisotaa fi Saduuqoonni hedduu cuphamu'uuf gara isaa hennaa dhufan argee, «Isin ilmaan buuti'ii! mufii Rabbii ta isinitti dhufa'aartu jalaa akka baqattan eentu isinitti hime?

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 3:7
49 Referans Kwoze  

Isin yaa ilmaan bofaa! hamaaleyyiiwwan yoo taatan, waan mishaa dubbachu'uuf attamitti dandeettan ree? Naminni afaan isaatiin dubbatu, onnee isaa guutee waan hafe.»


Akkuma kana Waaqinni du'aa ka isa kaasseen, dheekkamissa dhufuu jalaa ka nu baasu, dhufaatii ilma isaa Yesusii ka sami'ii dhufuu attamitti akka eeggattan'llee ragaa ni bayan.


Namoonni hammeenna isaaniitiin dhugaan akka hin beekkaminne ni taasisan, Waaqa sodaachuu dhabuu isaaniitii fi waayee hammeenna isaaniitiin'llee, mara irrattuu dheekkamissi Waaqaa sami'ii ni muldhata.


Isin bofoota, ijoollee bofaa, attamiin adabbii ibidda asaabaa jalaa bayu'uuf dandeettan ree?


Ka qulqullaawomnne dhiiga Yesus Kristositiin yoo ta'e, irra caala'atti'llee dheekkamissa Waaqaa jalaa baayu'uuf ka danddeennu, karaa isaatiin.


Guyyama sanitti, «Du'aa ka'iinssi worra du'anii hin jiru» Saduqoonni jedhan gara Yesusii dhufanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin,


Yesus'llee barattoota isaatiin, «Onne'etti qabadhaa, shiishaa worra Farisootaatii fi Saduqootaa irraa ufi eeggadhaa!» isaaniin jedhe.


Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen sheexanaa addaan bayanii ka beekkaman kanaan, qulqullaawoma ka hin raawwannee fi obboleessa isaa ka hin jaalanne marrinuu, Ilma Waaqaatii miti.


Yeroo sanitti Fariisonni Yesusiin bira turan kana dhagayanii, «Eegaa, nu'llee jaamota ta'uu keenna ree?» jedhaniin.


Amma'llee waayee wonittoota ijaan hin muldhaneetiif Waaqinni yeroo ufi eeggachiiseentti Noohi Waaqa sodaachu'uun, maatii isaa fayyifachu'uuf doonii ka hojjate amanti'iin, amantii Noohiitiin'llee biyyi lafaa cubbamaa ta'uun beekkamee itti ni murtteeffame, Nohi'llee qulqullaawoma amanti'iin argamu ni dhaale.


Dabalee'llee ragaa bayuu yoo fedhan, amantii keennaan worra haalaan jabeessan keessaa kutaa ta'e, ta'ee akka jiraadhe, jalqabumaa kaasanii ni beekan.


Kanaaf tokko tokkoo keessan, woggaa sadihi halkanii fi guyyaa, imimmaan kiyya jissaa akka isin gorsse yaadataa, ufi eeggadhaa.»


Garuu gara worra Fariisotaatii ka ta'an tokko tokko ka'aniiti, «Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne akka gadoomanii fi Seera Muse'ee'llee akka eegan taasisuun ni mala» jedhan.


Itti gaafatamaan qeesotaatii fi isa woliin'llee worri turan, Saduuqoonni marrinuu hinaaffa'aan guutamanii isa irratti ni ka'an,


«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.


Namoonni'llee ka ergaman Farsootaa biraayyi ture,


Farisaayichi dhaabatee onnee isaa titti akkana jechu'uun ni kadhate, ‹yaa Waaqa! Ana akka namoota kaanniinii saamitticha, hamaa, sagaagalaa waan hin ta'iniif, si galateeffadha.›


Fariisonni worra qarshii jaalatan waan turaniif, waan Yesus dubbate maraa dhagayanii, itti ni baldan.


Fariisotaa fi barsiisonni seeraa garuu, harka Yohaannisii titti hin cuuphamnnu jechu'uun, fedhii Waaqaa mormmanii turan.


«Du'aa ka'iinssi worra du'anii hin jiru» Saduuqoonni jedhan gara Yesusii dhufanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin,


Gara worra Fariisotaatii fi worra Heerodisiitii ka ta'an namoonni tokko tokko, Yesusiin haasaya isaatiin isa qabu'uuf jecha, gara isaa ni ergaman.


Yesus'llee, «Shiishaa Fariisotaatii fi Heerodisii irraa ufi eeggadhaa!» jedhee, isaan ni ajaje.


Yesus Saduuqoota deebii dhabsiisee akka caldhisiise yeroo dhagayanitti, Farisoonni bakka tokkotti wol ni gayan.


Kanaan duubatti Fariisoonni deemaniiti attam taasisanii Yesusiin haasaya isaatiin akka qabaniin, ni mari'atan,


Fariisoonni garuu kana yeroo dhagayanitti, «Inni ‹Bi'el Zebul› ka jedhamee, karaa itti gaafatamaa jinnooiiwwaniitiin yoo ta'e malee, jinnii hin baasu» jedhan.


Kanaaf qulqullaayoma keessan ka barsiisota seeraatii fi qulqullaayoma worra Fariisotaa yoo hin caalin, gonkumaa gara Mootummaa sami'ii titti akka hin aseenne isinitti ni hima.


Bifuma kanaan Waaqinni wonittoota hin jijjiiraminnee fi wonittoota itti hin kijibamnne wonittoota lamaan jechuun abddii isaatii fi kakuu isaa nuuf kennee jira, karaa wonittoota kanniin lamaaniitiin'llee abddii fuundurana keennaan jiru jabeessinee qabachuu akka dandeennu waan itti dhiyaannu argachu'uuf, inni gara isaa worri dheessine jajabeenna ol aanaa ni arganna.


Kanaan duubatti barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Farisoonni waan ati dubbatte kana dhagayanii, akka gufatan beekittee jirta?» jechu'uun ni gaafataniin.


Fariisootaa fi Saduqoonni gara Yesusii ni dhufan, isa qormmaatu'uu barbaadanii, «Sami'ii baasa nutti mulidhis!» jechu'uun ni gaafataniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite