Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 3:11 - Waadaa Haarawa

11 Kunoo, ani gara Waaqaa titti akka deebitaniif bishaaniin isin ni cuupha, ka ana duubaan dhufu garuu Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha, inni ana haalaan ni caala, ani kophee miila isaatuu baadhachu'uuf ka malee miti.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf ani bisaaniin isin cuupha, ka na maayessa dhufa'aaru ammoo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu harkaan qabu'uuf nama male miti.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Ani akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf bisaaniin isin cuupha; ka na maayessa dhufa'aaru ammo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu baadhachuun naa hin malu.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 3:11
29 Referans Kwoze  

Yohaannis garuu isaan maraanuu akkana ni jedhe, «Ani bishaaniin isin ni cuupha, garuu ka bira'aa ka ana irra jabaa ta'e ni dhufa, ani hidhaanuma kophee isaa'llee hiiku'uuf ka gayee miti, inni Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha.


Yohaannis bishaaniin ni cuuphe, isin garuu guyyaa muraasaan duubatti, Hafuura Qulqulluun ni cuuphamttan.»


hujii nu'u hojjanne ka qullumma'aatiin uduu hin ta'in inni mataan isaa dhiifama isaatiin nu ni fayyise, ka nu fayyise'llee miicata dhalachuu haarawaatii fi haareffama karaa Hafuura Qulqullu'uutiin argameen.


Yihudicha'llee yoo taane namoota Giriiki'ii yoo taane, garboota'llee yoo ta'e, namoota bilisaa'llee yoo ta'e, qaama tokko ta'uuf Hafuura Qulqullu'uun cuuphamnnee jirra, marri keennaa Hafuuruma tokko kanaan irraa dhuginnee jirra.


Cubbuu isaanii himata'aa, laga Yoordaanosii, harka Yohaannisii titti ni cuuphaman turan.


Phaawulos'llee akkana ni jedhe, «Cuuphaan Yohaannisii ka waayee dhiifama cubbuutiif ka raawwatame, ummatatti'llee ka himame, ‹ka ana duubaan dhufutti amanaa› ka jedhu ture, inni'llee Yesus» isaaniin ni jedhe.


akkuma nabiyyicha Eliyaasii hafuuraa fi huminnaan ta'ee inni onnee abbootii gara ijoollee isaanii, onnee namoota hin ajajamnne'llee gara ogummaa ququllaawotaa titti ni deebisa, ummata'llee dammaqissu'uun Goofta'aaf akka qophaayan isaan ni taasisa.»


‹ka ana duubaan dhufe sun anaan duranatti waan tureef, ana haalaan ni caala› ka isiniin jedhe kana.


Kanaaf Yohaannisiin Cuuphaan, «Dhiifama cubbu'uu akka argattaniif, gara Waaqaa deebi'aa cuuphamaa!» jechu'uun, gammoojjii keessa lallaba'aa ni dhufe.


Ani ka Qulqullaayomota maraa gadii yoma ta'e'llee, daangaa ka hin qabnne durummaa Krirstosii ummata Waaqa dhuga'aa hin amannetti akka dubbadhuuf, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin carraan kun naaf ni kenname.


Akkuma kana isin gayeessonni! Jarsoti'iif ajajamaa, marri keessanuu mataa gad qabata akka uffataa titti uffattanii, tokko ka bira'aa haa tajaajilu, «Waaqinni ufi tuulttota ni morma, gara laafeyyi'iif garuu kennaa isaa ka bilisaa ni kenna» jedhamee, barreeffamee jiraatii.


Yohaannis'llee, «Ka ana duubaan dhufu sun ana duranatti ni jira waan tureef ana haalaan ni caala, ka jedhee isinitti hime kunoo kana» jedha'aa, ragaa ni baye.


Kanaaf Yohaannis, laga Yoordaanosii naannaya biyyoota jiran mara keessa dedeebi'a'aa, «Cubbuu keessaniif dhiifama akka argattaniif, gara Waaqaa deebi'aatii cuuphamaa» jedha'aa, ni barsiisa ture.


Yoo deemaan'llee gara bakka bishaan jiru ni gayan, yakkataman'llee, «Kunoo akka hin cuuphamnneef wonitti ana dhoogu maali'i?» jedhe. [


Yakkatamchi'llee guurttoon farddaa akka dhaabatu ni ajaje, lamaanuu gara bishaanii bu'aniiti, Filiphos yakkatamcha ni cuupheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite