Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 27:2 - Waadaa Haarawa

2 Kanaan duubatti Yesusiin hidhanii fudhataniinti, bulichaa ka ta'e Philaaxosiif, dabarssanii ni kennaniin.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Yesuusiin hidhanii gara bulchaa Philaaxoos Pheenxanichaatitti dabarsanii kennan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Yesuusiin hidhanii gara bulchaa Philaaxoos Pheenxenichaatitti dabarsanii kennan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 27:2
25 Referans Kwoze  

Waaqinni abbootii keennaa ka Abrahaamii, ka Yisihaaqiitii fi Waaqinni Yaaqoobii Ilma isaa Yesusiin ni kabajeen, isin garuu isa Pilaaxosiin duratti dabarssitanii ni kennitaniin, Pilaaxos'llee gad dhiisuunii yoma barbaade'llee isin garuu, ‹hin barbaannu!› jettan.


Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef dabarsanii ni kennaniin, isaan'llee itti ni baldan, ni dhaananiin, ni fannisaaniin'lle'e, garuu guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'a.»


Waan maraafuu jireenna ka kennu Waaqaa fi Philaaxosiin pheenxanaawicha duranatti ufitti amanamummaa misha'aan ka ragaa baye, Yesus Kristosiin duratti'llee si ni ajaja.


Yeroo sanitti namoonni gara Yesusii dhufanii, «Namoonni Galiila'aa ciinccaa yeroo dhiyeessanitti Philaaxos isaan ni ajjeese, dhiiga isaanii'llee ciinccaa isaaniitiin wolitti ni make» jechu'uun, itti ni himan.


Haga waan isaaniin woliin wolitti hidhamttanii ta'aatii hidhamttoota yaadadhaa, isin'llee akkuma isaanii haga waan worra rakkinna fudhattanii ta'aatii, worra rakkinna fudhatan yaadadhaa.


Waayema wongeela kanaatiin'llee akka yakkamaa titti birbiraataan hidhamee rakkinna ni fudhadha, dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.


Amma'llee ka isin waamsiseef, isin arguu fi kana'llee isinitti himuuf, ani birbiraata kanaan ka hidhameef, waayee abddii ummata Israa'eelii Kristosiitiif kennameetiin.»


Woggaa lamaan duubatti Phorkii'os Fesxoos bakka Feeliksii ni bu'e, Feeliks'llee Yihudotaa gammachiisuuf barbaadee, Phaawulosiin akkuma hidhametti ni dhiiseen.


Kanaaf namoonni isa qorachuuf qophaayanii jiran sunniin, bakkumatti isa irraa ni fagaatan, ajajaan'llee nama lammii Roomaa ta'e tokko birbiraataan hidhuu isaa yeroo hubattetti, haalaan ni sodaate.


Garuu teephaan hidhanii dhaanu'uuf yeroo qophaayantti, ajajaa dhibbaa ka Phaawulos bira dhaabatee jiruun, «Nama lamummaa worra Roomaa qabu tokko murttii malee isa dhaanu'uuf, isinii eeyyamamee jiraa ree?» ni jedheen.


Ajajaan'llee dhiyaatee Phaawulosii qabeeti, birbiraata lamaan akka hidhamu ni ajaje, kanaan duubatti eennuun akka ta'ee fi maal akka raawwate'llee beekuuf barbaadee, ni gaafateen.


Heerodis guyyaa itti aanutti Phexirosiin ummatatti dhiyeessuuf yaadee ture, Phexiros'llee halkan sanitti birbiraata lamaan hidhamee, loltoota lamaan jidduu rafee jira ture, loltoonni kuunniin'llee balbala mana hidha'aa ni eegan ture.


Karaa Goofta'aa'llee namoota horddofan dhiiraa fi dubarttoota'llee yoo arggatu, hidha'aa gara Yerusaalemii fidu'uuf xalayaan isa danddeessisu, bakka wolgayiiwwan Damaasqoo Kristosiitiif barreeffamanii akka kennamuuf, itti gaafatamoota qeesotaa ni gaafate.


Dugamaanuu Heerodisii fi Pheenxanaawichi Philaaxos, ummataa Waaqa dhugaa titti hin amannee fi ummata Israa'eelii woliin magaalaa kanatti wol gayanii, Masihicha ka taasiseen tajaajilaa Qulqullu'uun, Yesusiin irratti ni ka'an,


Kanaan duubatti Haannaan, Yesusiin akkuma hidhameen, gara itti gaafatamaa qeesotaa gara Qayyaafa'aa ni ergeen.


Kanaan duubatti lolttootaa fi ajajaan isaanii, itti gaafatamoonni woriddiyyaa Yihudotaa'llee, Yesusiin qabanii ni hidhaniin.


Kanaaf Yesusiin qabu'uuf yeroo mijaayaa ni eeggatan ture. Aangoo bulcha'aatii fi qaama murti'iitiif'llee dabarssanii isa kunnu'uuf, jecha yakkaa isa irraa argachu'uuf ni barbaadan ture, kanaaf namoota fayyaaleyyii fakkaatanii, toowattoota haasayaan isa qaban itti ni erigan.


Nugufnni Rooma'aa Xibaariyos nugusa ta'ee woggaa kudha shanaffaa titti, pheenxenaawichi philaaxos bulichaa arddii Yihuda'aa ni ture, Heerodis bulichaa biyya Galiila'aa ni ture, akkuma kana obboleessi isaa Filiphoos bulichaa biyya Ixuriyaasii fi xiraakonidoos, Liisanyoosii fi bulichaa Abileene'ee ni turan,


Waan kana bulichaan biyyaa yoo dhagayee jiraate, dhimmicha nu'u isa hubachiifnnee amansiisu'uun, isin irratti rakkinna akka hin geessine, ni taasfinna» isaaniin jedhan.


Achitti woligayanii namoonni turan marrinuu ka'anii, Yesusiin fidaniiti, Philaaxosiin duranatti ni dhiyeessaniin,


Guyyaa sanitti Heerodisii fi Philaaxos waahellan ni ta'an, san duratti garuu worra wol dhaba qaban turan.


Kanaan duubatti Yesusiin mana Qayyaafa'aatii gara moonaa bulchaa biyyaa ni fudhataniin, yeroon'llee ganama obboroo ture, Yihudonni hoolaa Ayyaana Faasiika'aatiif qalamu nyaachuu waan qabaniif, akka hin battoofinneef ganama obboro'oon gara moonaa bulchaa biyyaa keessa hin aseenne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite