Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:53 - Waadaa Haarawa

53 Haa ta'u malee ani Abbaa kiyya uduu kadhadhee, inni hoomaa maleyikkoota kuma baayi'eetti laakkayaman, ka naaf hin ergine sitti fakkaataa?

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

53 Ani Abbaa kiyya uduu gaafadhee, Inni ammoo ammuma maleekkota loltuu kudha lamaa caalan waan naa erguu hin dandeenne si fakkaataa?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

53 Ani uduu Abbaa kiyya gaafadhee, Inni ammo ammuma maleekkota loltuu kudha lamaa caalan waan naa erguu hin dandeenne sitti fakkaataa?

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:53
12 Referans Kwoze  

Kanaan duubatti sheexanni Yesusiin ni dhiiseen, maleyikkoonni'llee dhufanii, ni tajaajilaniin.


Yesus'llee, «Maqaan kee eennu?» jedhee ni gaafateen, inni'llee jinniiwwan baayi'een itti quphatee waan tureef, «Maqaan kiyya Leegewoon» jechu'uun ni deebiseef.


Addaamiin irraa jala qabee dhaloota torbaffaa ka ta'e Heenok yoo dubbatu akkana jedhee jira, «Kunoo Waaqinni maleyikkoota isaa Qulqullaayomota kuma harka kumaatamaa woliin ta'ee, mara irrattuu murtteessu'uuf ni dhufa,


Amma rakkinna worra rakkinna itti fudhattaniif'llee nu'uun woliin boqannaa isiniif ni kenna. Kun'llee ka ta'u Gooftaan Yesus maleyikkoota isaa ol aanttotaan woliin, sami'ii yeroo itti bu'utti,


«Ilmi Namaa maleyikkoota isaa maran marffamee ulfinnanaan yoo dhufutti, teessoo isaa ka ulfinnaa irra ni taa'a,


Yesus'llee, «Maqaan kee eennu?» jedhee ni gaafateen, inni'llee, «Baayi'eewwan waan taaneef maqaan kiyya Leegewoon» jechu'uun, ni deebiseef.


Gara Yesus'llee dhufanii namichi hafuurota batti'iin qabamee ture sun dhukkuba isaa ka sammu'uu irraa fayyee, uffata isaa uffatee, taa'ee yeroo isa arganitti ni nayan.


«Lubbuu kiyya fedhii kiyyaan ni kenna malee, ana irraa ka fudhatuun eennu'llee hin jiru, lubbuu kiyya Kennu'uu fi deebisee'llee fudhachu'uuf aangoo ni qaba, ajaja kana'llee ka fudhadhe Abbaa kiyya irraayyi.»


Yesus, «Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraayyii miti, Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraa uduu ta'ee jiraateetii ammoo, harka worra Yihudotaa ka aangoo qabanii titti akka hin kufnneef lolttoonni kiyya naaf ni lolan ture, Mootummaan kiyya garuu biyya lafaa kana irraayyii miti!» jechu'uun, ni deebise.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite