Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:42 - Waadaa Haarawa

42 Deebi'ee'llee Yesus yeroo Lammaffaa'llee fagaatee deemeeti, «Yaa Abbaa! Duloo sarddamaa kan uduu hin dhugin ana irra dabrru ka hin dandeenne yoo taate, fedhii kee haa ta'u!» jechu'uun, ni kadhate.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

42 Yesuus ammallee hennaa lammaffa'aaf isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya, mijuun rakko'oo tuni uduu hin dhunne narra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e, fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

42 Yesuus ammallee hennaa lammeesso'ootiif isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya! mijuun rakko'oo tun uduu hin dhunne na irra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:42
14 Referans Kwoze  

Isaan irraa muraasa achi fagaatee deemeeti, lafa irratti kallacha isaatiin gonbbifamee, akkana jechu'uun ni kadhate, «Yaa Abbaa! Ka siif danda'amu yoo taate, duloon sarddamaa kun ana irraa garasi haa dabrru! Garuu fedhii kee haa ta'u malee, fedhii kiyya hin ta'in.»


Nu'u ka qabnnu itti gaafatamaan qeesotaa dadhabbii keennaan nuuf nayuu ka danda'u, inni'llee waan maraanuu akkuma keenna ni qormaatame, ta'u'llee cubbuu woyiituu hin hojjanne.


Mootummaan kee haa dhufittu, fedhiin kee akkuma sami'itti ta'e, akkuma kana ardi'itti'llee haa ta'u.


Yesus garuu, «Isin waanuma kadhatanuu hin beekittan, ani yeroo dhiyo'otti ka dhugu duloo rakkinnaa dhugu'uuf ni dandeettanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee ni dandeenna!» jedhan.


Dabalee'llee gara barattoota isaa deebi'ee yeroo dhufetti, ijji isaanii hirribaan ulffaatanii waan turaniif, rafanii isaan ni argate.


Akkana'llee ni jedhe, «Yaa Abbaa, wonitti marrinuu siif ni danda'ama, duloo sarddamaa kana ana irraa fageessi, garuu akka fedhii keetiiti malee, akka fedhii kiyyaa hin ta'in» jedhe.


«Yaa Abbaa! Fedhii kee yoo ta'e duloo rakkinnaa kana, ana irraa fageessi! Garuu fedhii kee haa ta'u malee fedhiin kiyya hin ta'in.»


Ani sami'ii ka bu'e fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf malee, fedhii mataa kiyyaa raawwachu'uufii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite