Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:3 - Waadaa Haarawa

3 Yeroo sanitti itti gaafatamoonni, qeesotaatii fi jarsotiin ummataa, moonaa itti gaafatamaa qeesotaa titti wol ni gayan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Achiin maayii hayyichi gadootaatii fi manguddoonni gumi'ii dallawwa gadicha guddaa Qayyaafaa jedhamuutitti walgayan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Achiin maayii hayyichi gadootaatii fi manguddoonni gumi'ii dallawa gadicha guddaa Qayyaaffaa jedhamuutitti wol gayan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:3
23 Referans Kwoze  

Kanaan duubatti Haannaan, Yesusiin akkuma hidhameen, gara itti gaafatamaa qeesotaa gara Qayyaafa'aa ni ergeen.


Phexiros'llee haga moonaa itti gaafatamaa qeesotaa titti Yesusiin fago'oo ni horddofaan ture. Achi'llee worddiyyoota woliin taa'ee, ibidda ni oo'ifata ture.


Kanaan duubatti Yesusiin mana Qayyaafa'aatii gara moonaa bulchaa biyyaa ni fudhataniin, yeroon'llee ganama obboroo ture, Yihudonni hoolaa Ayyaana Faasiika'aatiif qalamu nyaachuu waan qabaniif, akka hin battoofinneef ganama obboro'oon gara moonaa bulchaa biyyaa keessa hin aseenne.


Akkuma kana itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf akka danda'an, bakka inni jiru naminni beeku yoo jiraate akka isaanii akkeekuuf, nama maraa ajajanii jira ture.


Haanna'aa fi Qayyaafaan'llee qeesota Ol Aanttota ni turan, yeroo sanitti ilmi Zakaariyaasii Yohaannis gammoojjii uduu jiru, dubbiin Waaqaa gara isaa ni dhufe.


Phexiros'llee mana duubanatti moonaa itti gaafatamaa qeesotaa keessa taa'ee jira ture, yeroo sanitti intaltti hojjattuu mana keessaa takka gara isaa dhiyaattee, «Ati'llee Yesusii nama biyya Galliila'aa woliin ni jirta turee!» isaan jette.


Yeroo sanitti lolttoonni bulcha'aa Yesusiin gara moonaa bulcha'aa ni fidaniin, lolttoota maraa naannaya Yesusii titti wolitti ni qaban.


Phexiros mana itti gaafatamaa qeesotaatii gaditti moonaa keessa uduu jiru, hojjattoota mana itti gaafatamaa qeesota keessaa takkatiin ni dhufitte,


Lolttoonni'llee Yesusiin gara moonaa bulchaa biyyaa ni fidaniin, lolttoota hafan mara'llee ni waaman,


Namoonni'llee moonaa keessatti ibidda qabsiisanii, tokkuma'aan ta'anii jiran ture. Phexiros'llee dhufee isaan woliin ni taa'e.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite