Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:10 - Waadaa Haarawa

10 Yesus'llee kana jechuu isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Dubarttii tana maali'iitiif rakkifttaniin? Isiin anaaf waan mishaa raawwattee jirtti,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Yesuus waan kana beekee akkana isaaniin jedhe, «Dubartii tana maaf rakkiftan? Isiin waan mishaa naa goote.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Yesuus waan kana beekee akkana isaaniin jedhe, «Dubartii tana maaf rakkiftan? Isiin waan mishaa naa goote.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:10
24 Referans Kwoze  

Kun jecha amaname. Waaqatti namoonni amanan hujii misha'aaf akka hisatan, kana maraa ciminnaan akka hubachiifttu ni barbaada, wonitti kun'llee misha'aa fi tokkoo tokkoo namaatiifuu fayyada'a.


fedhii isaa raawwachu'uuf akka geettan waan mishaa maraan isin haa hidhachiisu, ka gamachiisu karaa Yesus Kristositiin nu irratti haa raawwatu, Yesus Kristosiif'llee baraa haga baraa titti'llee, ulfinni haa ta'u! Ameen.


Namoonni keenna'llee ammoo firii malee akka hin hafinnee fi rakkinna jireenna salphisuu akka danda'aniif, hujii mishaa hojjachuu haa baratan.


Namoonni marrinuu bulchitootaa fi namoota aangoo qabaniif mataa gad qabataan akka ajajaman, hujii mishaa mara hojjachu'uuf qophaayota akka ta'an,


Kristos hammeennumaa mara irraa nu fayyisu'uu fi hujii mishaa hojjachu'uuf hisattootaa fi ummata qulqulluu isaaf adda baye akka taanu, nu qulqulleessu'uuf waayee keennaaf mataa isaa dabarssee ni kenne.


«Waaqa ni beekinna» jedhan, hujii isaaniitiin garuu ni waakkataniin, isaan jibbisiiftotaa fi hujii mishaa raawwachu'uuf worra hin dandeenne.


Kanniin wonittoota ulfinna hin qabnne irraa fooyamee qulqulluu ta'ee naminni jiraatu, akka meeshaa tajaajila kabajameef ooluu ni ta'a, tajaajila mishaa kamiifuu ka qophaaye, Goofta'aaf ka qulqullaawome fayyadaa itti fayyadamaati.


Akkuma kana ijoollee akka ta'utti guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, miila worra Qulqullu'uu miicu'uun, worra rakkatan gargaaru'uu fi hujii mishaa kamiin mara hojjachu'uun, hujii mishaa ta'e maraaf'llee, ta hisattu ta'uu qabddi.


Naminni tokko, «Ephis qophoosota (durssitoota woldayaa amanti'ii) ta'u'uuf yoo barbaade hujii kabaja ni hawwa» jechi jedhu, dhugaalessa.


waan mishaa ta'e maraa akka raawwattanii fi akka dubbattaniif onnee teessan haa jajabeessuun, waan mishaa maraa akka raawwattanii fi akka dubbattaniif, isin haa jabeessu.


Akkuma kana Goofta'aaf karaa barbaachisaa ta'een jiraachu'uun, dhugamaan isa akka gammachiifttan hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uun, firii akka daraarttanii fi Waaqa'llee beeku'uun guddata'aa akka deemittaniif ni kadhanna.


Nu'u Waaqinni durssee ka isaan qopheesse hujiiwwan mishaa akka hojjannuuf karaa Yesus Kristositiin irra deebinee ka uumaminne, uumamttoota Waaqaati.


Qaama kiyya irra ka jiru malkanni dhaanamu'uu tajaajilaa Yesusii ta'uu kiyya waan mulidhisuuf, ammaa achitti eennu'llee ana hin rakkisin.


Eegaa namoonni akkana dubbii isinitti bitaa taasisan yoo barbaadan, gadoomuu qofa uduu hin ta'in mataa isaanii yakkatamaa uduu taasisanii ni jaaladha ture.


Kana'llee ka jedheef worri dubbii isinitti bitaa taasisanii fi wongeela Kristosii'llee dabssu'uuf ka barbaadan, namoonni tokko tokko waan jiraniif malee jalqabatti wongeelli tokko qofa.


Yeroo maraa waan maraanuu mataa keessan dandeettanii hujii mishaa maraaf oolichu'uuf akka isinii gayu, Waaqinni baayi'innaan eebba isaa isinii kennuu ni danda'a.


Yesus garuu akkana ni jedhe, «Dhiisa'aanii! Waayee Maali'iitiif isii rakkifttan? Isiin anaaf waan mishaa raawwattee jirtti,


Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa.


«Shittoon kun gatii baayi'e'etti gurguramee, hiyyeesotaaf kennamuu ni danda'ama ture!»


hiyyeeyyiin yeroo maraa isinuma woliin jiran, ani garuu yeroo mara isin woliin asitti hin ariggamu.


Uduma Yesus kana dubbata'aa jiru, naminni tokko itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii mana Iyyaairosiitii ni dhufee, «Intaltti tee duutee jirttiitii, ammaa achitti barsiisaa tasatti, hin dadhabisiisiniin!» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite