Ummanni ummata irratti, mootummaan'llee mootummaa irratti woraana ni kaasa, bakka marattuu sochiin lafaatii fi beelli ni ta'a, kun marrinuu akka ciniinssu'uu ka jiru jalqaba sarddamaati.»
Garuu kun marrinuu ta'u'uun duratti namoonni isin ni qaban, isin ni ari'an, gara bakka woligayi'iitii fi gara mana hidhaa'llee dabarsanii isin ni kennan, waayee maqaa kiyyaatiif'llee gara nugusotaatii fi gara bulchitootaa isin ni geessan.