Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 24:3 - Waadaa Haarawa

3 Yesus Gaara Ejjerssaa irra taa'ee uduma jiru barattoonni isaa adda isaa titti gara isaa dhiyaatanii, «Wonitti kun marri ka ta'u yoom? dhufaatii keetiitii fi malkanni muummee barichaa hoo maali'i?» jechu'uun, ni gaafataniin.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Yesuus gaara ejersaa irra taa'ee uduu jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Yesuus uduu gaara ejersaa irra taa'ee jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 24:3
23 Referans Kwoze  

Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Waaqinni Abbaan aangoo isaatiin yeroo fi bara murtteesse, isin beeku'uuf hin dandeettan.


Akkuma bifa bara Noohii turee titti, Ilma Namaa yeroo dhufutti'llee, akkuma kana ni ta'a.


Muummee biyya lafaa titti'llee akkana ni ta'a, maleeyikkoonni dhufanii cubbamoota worra qulqullaayotaan adda ni fooyaniin.


Isaan'llee, «Yaa barsiisaa! Kun ka ta'u yoom? Kun yeroon itti ta'u dhiyaachuu isaa malkanni ittiin beekinnu maali'i?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Yesusii fi horddofttoonni isaa gara Yerusaalemii yeroo dhiyaatanitti, gara ganda Beetfaagee Gaara ejjerssaa titti argamuu yoo gayan, Yesus barattoota isaa keessaa lamaan akkana jechu'uun erge,


Bishaan badi'ii dhufee marumaa wolitti qabee haga yeroo haree fudhatuu titti, isaan hin beekinne turan, dhufaatiin Ilma Namaa'llee akkuma kana ni ta'a.


Akkuma Bakakkaan sami'itti mishi jedhee baya adu'uutii haga dhiyaa titti muldhattu, dhufaatiin Ilma Namaa'llee akkanuma ni ta'a.


Akkana ta'ee uduu jiraatee garuu, biyyi lafaa yeroo uumamee irraa jalaqabee yeroo baayi'ee rakkinna fudhachuu isa ni barbaachisa ture, amma garuu muummee barootaa titti cubbuu dhabamissiisu'uuf mataa isaa kitimaa taasisu'uun, yeroo tokko haala irra deebi'iinsa hin qabnneen muldhatee jira.


Waan isin ajaje mara'llee akka raawwatan isaan barsiisaa! Kunoo, ani'llee haga muummee biyya lafaa titti, yeroo maraa isin woliin ni jira» isaaniin jedhe.


Kanaan duubatti barattoonni isaa adda isaa uduu inni jiru gara Yesusii dhufanii, «Nu'u jinnii kana baasu'uuf ka dadhabine maali'iitiif?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Garuu kana beekaa, abbaan manaa halkan keessaa saa'aatii kamittu hattuun akka dhufittu uduu ka beekuutii, dammaqee ni eegaa ture, manni isaa'llee akka qotamuuf, hin dhiisu ture.


Kanaan duubatti barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Farisoonni waan ati dubbatte kana dhagayanii, akka gufatan beekittee jirta?» jechu'uun ni gaafataniin.


Kanaan duubatti Yesus ummata geegessee gara manaa ni aseene, barattoonni isaa'llee gara isaa dhiyaatanii, «Hiikkaa fakkeenna ingirdaadaa qonnaa nu hubachiis!» jedhaniin.


Ilmi Namaa ulfinna Abbaa isaatiin ta'ee maleyikkootaan woliin ni dhufa, yeroo sanitti'llee tokkoo tokkoof akka hujii isaatiin, gatii isaa ni kafalaaf.


Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa ulfinna mootummaa isaatiin yoo dhufu haga arganitti, worra asi dhaabatan keessaa namoonni hin duune ni jiran.»


Kanaan duubatti malkanni Ilma Namaa'llee sami'itti ni muldhata, yeroo sanitti ummatoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu ni booyan. Ilmi Namaa'llee huminnaa fi ulfinna ol aana'aan duumessa irraan, ta'ee yoo dhufu ni argganiin,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite