Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 23:7 - Waadaa Haarawa

7 Bakka gabaya'aa titti'llee naminni marrinuu nagaya akka isaan gaafatanii fi ‹yaa barsiisaa!› jedhee, akka isaan waamuuf ni barbaadan,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Hulee gabaya'aatitti nagaya ulfinnaa akka isaan gaafatanii fi gumiin ‹Barsiisaa'a› jedhanii akka isaan waaman jaalatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Hulee gabaya'aatitti nagaya ulfinnaa akka isaan gaafatanii fi gumiin ‹Barsiisaa'a› jedhanii akka isaan waaman jaalatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 23:7
19 Referans Kwoze  

Yesus'llee ufi duuba garagalee isa yoo horddofan argeeti, «Maal barbaadan?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Rabbii! Eessa jiraatta?» ni jedhaniin. (Rabbii jechuun barsiisaa jechu'u.)


Yeroo sanitti Naatinaa'el, «Yaa Barsiisaa! Ati Ilma Waaqaati! Ati nugusa worra Israa'eeliiti!» jedhe.


Yesus'llee, «Maariyaam!» jedheen. Isiin'llee gara isaa garagaltteeti afaan worra Ibirootaatiin, «Rabbunii!» jetteen, hiikkaan isaa'llee, «Yaa barsiisaa!» jechu'u.


Garba ciisa'aan gamatti yeroo isa argatanitti'llee, «Yaa barsiisaa, garana yoom dhufitte?» jedhaniin.


Barattoonni Yohaannisii'llee gara Yohaannisii dhiyaatanii, «Yaa barsiisaa, Laga Yoordaanosiitiin gamatti ka si woliin turee fi ka ati waayee isaatiif ragaa baateef, kunnoo, inni'llee ni cuupha, namoonni marri'llee gara isaa ni deeman» jedhaniin.


Naminni kun halkaniin gara Yesus dhufee, «Yaa barsiisaa, Waaqinni isa woliin yoo ta'e malee kaniin baasota ati taasisa'aa jirttu kana taasisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, kanaaf ati Waaqa biraa ka dhuftte barsiisaa akka taate ni beekinna» jedheen.


Yesus'llee, «Maal akka siif raawwadhu barbaadda?» jechu'uun, ni gaafateen. Namichi jaamaan'llee, «Yaa barsiisaa, yabo'oo ijji kiyya akka naaf argitu naaf taasisi» jedheen.


Phexiros'llee Yesusiin, «Yaa barsiisaa! Asi jiraachuun nu'uuf misha'a, kanaaf tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eeliyaasiif ka ta'an, daaseewwan sadihi haa ijaarruu!» jedheen.


Isin garuu, barsiisaan keessan tokko qofa waan ta'ee fi marri keessanuu obboleeyyan waan taataniif, ‹barsiisaa› jedhamttanii hin waamaminaa.


«Garuu namoota bara kanaa maaliin wolitti isaan fakkeesina? Bakka yaaii'ii ta'anii waahellan isaanii waama'aa,


Yihudaan dabarssee isa kennu'llee, «Yaa barsiisaa! Ana ta'innaa?» jedhe. Yesus'llee, «Akkuma ati jette» jedheen.


Yihudaan'llee bakkumatti dhufee gara Yesusii dhiyaateeti, «Yaa barsiisaa! Nageenni siif haa ta'u!» jedhee, ni dhungateen.


Phexiros'llee dhimmicha yaadateeti Yesusiin, «Yaa barsiisaa! Kunoo, mukattiin ati abaarte goddee jirtti» jedheen.


Yesus yoo barsiisu akkana ni jedhe, «Uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naanayuu, bakka gabaya'aa titti nagaya kabaja'aa fudhachu'uuf worra jaalatan, barsiisota seeraa irraa ufi eeggadhaa.»


Yihudaan'llee bakkumatti dhufee gara Yesusii dhiyaateeti, «Yaa barsiisaa!» jedhee, ni dhungateen.


Isin Fariisonni isinii uunsha'a! Bakka wolgayi'ii keessa barcumaa ulfinnaa irra taa'uu ni jaalatan, akkuma kana bakka yaa'ii'iitii fi bakka gabaya'aa titti, akka naminni marri gad jedhee nagaya isin gaafatuuf, ni barbaadan.


Yeroo sanitti barattoonni isaa Yesusiin, «Yaa barsiisa! Waan nyaataa woyii nyaadhu!» jechu'uun, ni kadhataniin.


Barattoonni isaa Yesusiin, «Yaa barsiisaa, naminni kun jaamaa ta'ee ka dhalate cubbuu eennuutiin? Cubbuu mataa isaatii moo yookiin ka maatii isaatiin?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Barttoonni isaa'llee, «Yaa barsiisaa! Worra Yihudotaa yeroo muraasaan duranatti si woqaru'uuf ni barbaadan ture, eegaa deebitee garasi ni deemtaa ree?» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite