Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 20:8 - Waadaa Haarawa

8 «Yeroo dhiyetti'llee abbaan bakka biqilttuu woyinni'ii itti gaafatamaa huji'iitiin, ‹hojjattoota waamiitii worra muummee irratti mindeeffaman irraa jalaqabddee, haga worra duran mindeeffamanii titti, gatii hujii isaanii kafali!› ni jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

8 Hennaa aduun dhiite, Abbaan maasaa woyinii sanii, ajajaa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra maayessa qaxarame irraa haga worra dura qaxarameetitti, mindaa isaanii kaffaliif.› jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Hennaa aduun dhiite abbaan maasaa woyinii sanii ajajaa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra maayessa qaxarame irraa haga worra dura qaxarameetitti mindaa isaanii kaffaliif› jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 20:8
22 Referans Kwoze  

Kennaan Waaqaa ka bilisaa ka adda addaa amanammuma'aan bulichu'uun, isin keessaa tokkoon tokkoon akkaataa kennaa isaa ka bilisaa ka isaa kennameetiin, ka bira'aa haa tajaajilu.


Akkuma kana Kristos cubbuu namoota baayi'ee dhabamissiisu'uuf yeroo tokko du'ee jira, dabalee'llee cubbuu baadhachu'uuf uduu hin ta'in worra isaa eeggatan fayyisu'uuf, yeroo lammaffaa'llee ni muldhata.


Ephiis Qophoos (itti gaafatamaa woldaya amanti'ii) ka hujii Waaqaa yabo'oon ka fudhate waan ta'eef ka hin ashaminne ta'uu ni qaba, akkuma kana ka hin boonne, dadafaan ka hin dallanne, ka hin machoofnne, namaan wol dhabaa ka hin ta'in, qarshi'iif ka hin haafofnne ta'uu qaba.


Tokkoon tokkoon jireenna isaa ka biyya lafaa titti waan raawwate hamaa ta'ee mishaaf'llee akkaataa hujii isaatiin gatii isaa fudhachu'uuf, marri keennaa murti'iif teessoo Kristosii duranatti, dhiyaachuu ni qabnna.


Gooftaan Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Eegaa, maatii isaa akka ta'utti isaan haa bulichu'uu fi tajaajiltoota isaatiif'llee nyaata isaanii yeroo ramadametti akka isaanii kennuuf, tajaajilaa gooftaan isa muudeen amanama'aa fi qaruuteen eennu?


Hojjata'aaf mindaan ni mala, kanaaf mana aseenttanitti waanuma isiniif dhiyeessan nyaata'aatii fi dhuga'aa turaa, manaa gara mana bira'aa'llee hin deeminaa.


Ajajaa mana Heerodisii ka ture haadha worraa Kuuza'aa Yohannaan, Soosinna'aa fi tuunniin'llee baayi'eewwan ni turan, dubarttoonni tunniin Yesusii fi barattoota isaa, qarshi'iin isaaniitiin ni tajaajilan turan.


«Ilmi Namaa maleyikkoota isaa maran marffamee ulfinnanaan yoo dhufutti, teessoo isaa ka ulfinnaa irra ni taa'a,


«Yeroo baayi'e'een duubatti gooftaan tajaajilttoota sanniinii dhufeeti, tajaajilttoota isaa woliin herreegachuu jala ni qabe.


Isaan'llee, ‹nama nu mindeessu dhabinneeti› jedhaniin, inni'llee, ‹eegasuu isin'llee gara bakka biqilttuu woyinni'ii deema'aatii hojjadhaa!› isaaniin jedhe.»


Kanaaf worri sa'aatii kudha tokkotti mindeeffaman dhiyaatanii, tokko tokkoon isaanii dinaara tokko ni fudhatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite