Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 2:6 - Waadaa Haarawa

6 ‹konyaa arddii Yihuda'aa titti ka argamittu, ati yaa Beetlihem! Ummata kiyya Israa'eeliin ka eegu durssaan si keessaa waan bayuuf, magaalota guguddoo Yihuda'aa womaanuu hin hanqattu.› »

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 ‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa ati horoma hin diqqaattu; Sababaanillee ka banii kiyya Isiraa'eliin bulchu, Bulchaan si keessatti dhalata› jedhamee barreeffameera» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 ‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! ati qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa horoma hin diqqaattu; Sababaan ka banii kiyya Israa'eliin bulchu, Bulchaan si keessaa waan dhalatuuf›»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 2:6
24 Referans Kwoze  

Masihi'iin fiixaa Daawiitiitii keessaa akka dhalatuu fi magaalaa Daawiitii Beetlihemiin keessaa akka bayu, Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamee hin jiruu ree» ni jedhan.


Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman.


Yesus'llee gara isaanii dhiyaateeti akkana isaaniin jedhe, «Aangoon marrinuu sami'ii fi arddi'itti'llee naaf kennamee jira,


‹ulee sibiilaatiin'llee isaan ni bita, akka meeshaa faaraa titti'llee tumee isaan ni bulleessa› aangoon kun'llee ka akka bifa ani Abbaa kiyya irraa fudhadheeti,


Inni'llee qaama isaa ka taate mataa woldaya amanti'iiti, waan maraanuu durssaa akka ta'u du'aa ka'uun'llee ka duranaatii fi ka jalqabaati.


Bara nugusa Heerodisii titti arddii Yihuda'aa titti ta argamittu, magaalaa Beetelihemii itti Yesus yeroo dhalatetti, qorattoonni urjji'ii baya adu'uutii gara Yerusaalemii ni dhufan.


Waan maraa aangoo ufii jala taasisee isaaf ni bitamisiiseef, Mana Waaqeffanna'aa titti'llee maraa ol akka ta'uuf, mataa ni taasiseen.


Yesus'llee, «Ilmoolee kiyya nyaachis» jedheen. Yeroo lammaffaa'llee, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ana ni jaalatta ree?» jedheen. Inni'llee, «Ee yaa Gooftaa kiyya! Akka si jaaladhu ati ni beekitta» jedheen. Yesus'llee, «Hoolota kiyya eegi» ni jedheen.


Gooftaan keenna gosa Yihuda'aa keessaa ta'uun isaa ka beekkame, ta'u'llee Museen waayee qeesotaa yoo dubbatu gosa Yihuda'aa laalchisee ka dubbate, womaan tokkoo hin jiru.


teessicha jidduu Hoolichi jiru'llee tissee isaanii ni ta'a, gara burqqaa bishaan jireennaa'llee isaan ni eemara, Waaqinni'llee imimmaan isaanii mara ija isaanii irraa, isaaniif ni haqa.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite