Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 2:13 - Waadaa Haarawa

13 Qorattoonni urjji'ii eega deemaniin duubatti, maleyikkaan Goofta'aa Yooseefitti eebiju'uun muldhatee, «Heerodis daa'ima ajjeesu'uuf waan barbaaduuniif, ka'iitii daai'maa haadha woliin qabadhuu gara biyya Gibxii dheessi, haga sitti himutti'llee achuma turi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

13 Haga ogeeyyiin sun gara biyya ufii deebi'an, ergamaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf, ka'iitii, daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Haga ogeeyyiin gara biyya ufii deebi'aniin maayessa maleekkaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf ka'ii daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 2:13
29 Referans Kwoze  

Phexiros'llee gara qalbbii isaa titti deebi'ee, «Gooftaan maleyikkaa isaa ergee harka Heerodisiitii fi ummanni Yihudotaa ni eegan waan turan mara irraa ka ana fayyise ta'uu isaa, amma dhugamaanuu beekee jira» jedhe.


Maleyikkichi kana itti hime isa biraa fooyamee yeroo deemetti, Qorneelewos tajaajilttoota isaa keessaa lamaanii fi lolttoota kutaa isaatii ta'an keessaa, Waaqa ka sodaatu tokko waameeti,


Maleyikkan Waaqaa garuu halkaniin balbala mana hidha'aa banee, isaan ni baase,


Gara Heerodisii'llee akka hin deebineef Waaqinni eebjju'uun waan isaan ufi eeggachiiseef, qorattoonni karaa bira'aatiin gara biyya isaanii deebi'anii ni deeman.


Garuu waan kana yaada'aa uduu jiru, maleeyikkaan Goofta'aa eebjju'uun isatti mulidhatee akkana ni jedheen, «Fiixaa Daawiitii yaa Yooseef! Qaadhimaan kee Maariyaam ka ulfooftte Hafuura Qulqullu'uun waan ta'eef, isii gara mana keetii fudhachu'uuf hin sodaatin.


Kanaan duubatti Heerodis qorattoonni urjji'ii akka isa sobaniin yeroo hubatetti, haalaan ni dallane, gara Beethlihemiitii fi gandoota naannoo jiran mara lolttoota isaa ergee, akkaatama bara qorattoota urjji'ii irraa hubateetiin, umriin isaanii woggaa lama ka ta'anii fi achii gadi ka ta'an, Beetlihemii fi naannoo isi'ii ka turan daa'imman dhiiraa ni ajjeesise.


dubarttiin gara bakka lafa gammoojji'ii titti isi'iif qophaayee bararttee akka deemittuuf, koolli lamaan koola risaa ol aana'aa fakkaatu ni kennameef, achitti'llee boficha duranaa fagaattee, woggaa sadihii fi wolakka'aaf kunuunssaan qabamttee ni eeggamitti turtte.


Wordiyyaan mana hidha'aa'llee, «Isin akka gad dhiifamittaniif namoonni aangoo qaban nama erganii jiraniitii, eegaa bayaa'aatii nagayaan deemaa» jechuun, Phaawulostti ni dubbate.


Isaan'llee, «Nu'u ajajaa dhibbaa Qorneelewosiin bira dhufnne, inni nama ummanni Yihudotaa marrinuu kabajuun, nama mishaa Waaqa Waaqeffatu, si'llee gara mana isaa si waamsisee waan ati jettu akka dhagayuuf, maleyikkichi Qulqulluun ibisee itti himee jira» jedhaniin.


Nugufnni haarofnni ummata keenna irratti hammeennaan ka'ee, abbootii keenna gad qabuu jala ni qabe, daa'imman isaanii'llee akka du'anii fi gara alaa baasanii akka isaan gataniif, abbootii keenna ni dirqamsiiseen.


Magaalaa tokkotti rakkinna isinitti yoo baay'isan gara bira'aa dheessaa, dhugamaan isiniin jedha Ilmi Namaa deebi'ee haga dhufutti, magaalota Israa'eelii mara woliin hin geettan.


dubarttiin'llee gara lafa gammoojji'ii titti dheessitee ni deemitte, achitti'llee guyyoota kuma tokkoof dhibba lamaaf jahaatamaa kunuunssa'aan qabamttee, bakki itti eeggamttu Waaqinni qopheesseefii jira ture.


Eegee isaatiin harka sadihi keessaa harka tokkoo urjjiiwwanii sami'ii harkisee gara arddi'ii isaan ni gate, dubarttiin yeroo deetutti ilma isi'ii liqimssu'uuf yaadee, xaraan gara dubarttii dayu'uuf dhiyaatee durana isi'iitiin ni dhaabate,


Garuu Aekelaawos bakka abbaa isaa Heerodisii bu'ee, arddii Yihuda'aa irratti mootomuu isaa yeroo dhagayetti, Yooseef garas deemu'uuf ni sodaate. Ta'u'llee eebjju'uun qajeelchi waan isaa kennameef, gara arddii Galiila'aa ni deeme.


Kanaaf Yooseef halkaniin ka'eeti, daaima haadha woliin qabatee, gara biyya Gibxii ni deeme.


Yeroo sanitti maleyikkaan Goofta'aa ifatti ni muldhate, mana hidha'aa keessatti'llee ifin ni ife, maleyikkichi'llee Phexirosiin cinaacha dhayee dammaqiseeniiti, «Dadafaan ka'i!» jedheen, birbiraatonni'llee harkiin isaa irraa ni kufan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite