Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 19:9 - Waadaa Haarawa

9 Ani garuu, ‹naminni tokko waayee sagaagalaatiin yoo ta'e malee, haadha worraa isaa hiikee, dubarttii bira'aa yoo fuudhe sagaagalee jira› isiniin jedha.»

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9 Ani ammoo akkana isiniin jedha, yoo isiin seebarte malee, namni haadha manaa ufii hiikee ta biraa fuudhu maruu, hin seebara» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Ani ammo akkana isiniin jedha, «Yoo isiin seebarte malee, namni haadha manaa ufii hiikee ta biraa fuudhu maruu hin seebara.»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 19:9
18 Referans Kwoze  

Ani garuu, «Waayee sagaagalaatiin yoo ta'e malee, haadha worraa isaa ka hiiku marrinuu akka sagaagalttu isii taasisaan, ka ta hiikamitte fuudhu marri'llee sagaagalaa ni ta'a» isiniin jedha.


«Haadha worraa isaa gad dhiisee ka dubarttii bira'aa fuudhu marrinuu ni sagaagala, akkuma kana ka dubarttii abbaa worraa isi'iitiin gad dhiifamitte ka fuudhu'llee, ni sagaagala.»


Haati worraa abbaan worraa isi'ii lubbu'uun haga jirutti, seera fuudhaa heerumaatiin ta hidhamtte, abbaan worraa isi'ii eega du'e garuu, ka barbaaddetti heerumu'uuf isiin bilisa, ta'u'llee naminni isiin itti heerumttu kristaana ta'uu qaba.


Jidduu keessantti saalfachiisaan hujiin sagaagalumma'aa jiraachuun isaa ni odeeffama, hujiin sagaagalummaa akkanaa kun Ummatuma Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti'llee ka hin raawwataminne, kun'llee haadha worraa abbaa isaa haadha worraa isaa taasisee ka jiraatu ni jira jedhamee jira.


Haati worraa qaama isi'ii irraa mirga hin qabddu, qaama isi'ii irratti mirga ka qabu abbaa worraa isi'iiti. Akkuma kana abbaan worraa qaama isaa irratti mirga hin qabu, qaama isaa irratti mirga ka qabddu haadha worraa isaati.


Inni'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Museen haadha worraa keessan akka hiikitaniif ka isinii eeyyamame, onneen keessan jabaatee sababaa dhibiddoota ta'uu keessaniitiin, jalqaba garuu akkana hin turre.


Barattoonni isaa'llee, «Haalli abbaa worraatii fi haadha worraa akkana eega ta'e, fuudhuu dhabuun waan woyyaa ta'e» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite