Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 18:3 - Waadaa Haarawa

3 Akkana'llee ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, jijjiiramuu yoo dhabaattanii fi akka daai'maa yoo taatan malee, gonkumaa gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenttan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 «Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii akka daa'ima kanaa yoo hin taane, gara jeennata sami'ii horoma hin galtan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 «Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii yoo akka daa'ima kanaa hin taane, jeennata sami'ii horoma hin galtan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 18:3
28 Referans Kwoze  

Daai'mman haarawa dhalatan aanan akkuma hawwan, isin'llee fayyu'uuf guddata'aa ka itti deemittan, barsiisa qulqulluu hafuuraa hawwaa.


Yesus'llee, «Mootummaan Sami'ii akkana worra jiran kanaa waan taateef daai'mman dhiisa'aanii, gara kiyya haa dhufan, isaan hin dhooginaa» jedhe.


Yaa obboleeyyan! Waan hama'aaf daa'imman ta'aa malee, yaada keessaniin akka daa'immanii hin ta'inaa, karaa irra yaada keessaniin ka bilchaattan ta'aa.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Dhugaa siin jedha, naminni bishaanii fi Hafuura Qulqullu'uun yoo dhalate malee, gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uuf hin dandda'u.


Yesus'llee, «Dhugaa siin jedha, naminni deebi'ee yoo dhalate malee Mootummaa Waaqaa argu'uuf hin dandda'u» jedheen.


«Balbala dhipo'oon aseenu'uuf tataafadhaa, balbala kanaan aseenu'uuf worri barbaadan baayi'eewwan, garuu aseenu'uuf hin danda'an, isiniin jedha.


Eegaa cubbuu keessan akka isinii dhabamisiifamuuf, cubbuu keessan irraa gara Gooftaa deebi'aa.


Onneen namoota kanniinii jaabaattee jirtti, gurri isaanii'llee duudee jira, ijji isaanii'llee cufamttee jirtti, akkana ta'uu uduu dhabaatee, ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagayanii, onnee isaanii titti'llee hubatanii, gara kiyya ni deebi'anii, isaan ni faayyisa ture.


Dhugamaan isiniin ni jedha, samiin yoo banamttu, maleyikkoonni Waaqaa'llee Ilma Namaa irraan, yoo ol bayanii fi bu'an ni argitan.»


Kanaaf qulqullaayoma keessan ka barsiisota seeraatii fi qulqullaayoma worra Fariisotaa yoo hin caalin, gonkumaa gara Mootummaa sami'ii titti akka hin aseenne isinitti ni hima.


Garuu amantiin keessan akka hin banneef ani siif ni kadhadhe, yeroo deebitetti'llee, obboleeyyan kee jabeessi.»


Kun'llee ka ta'u, ‹Isaan gara Waaqaa deebi'anii, cubbuun isaanii akka isaanii hin dhiifamnneef, laaluu uduma laalan garuu onne'etti hin qabatan, dhagayuu'llee uduma dhagayan, hin hubatan› » akkuma jedhame.


Bifa kanaan gara Mootummaa bara baraa ka taatee, gara Gooftaa keennaatii fi gara Mootummaa qoricha keenna Yesus Kristosii galu'uuf, mirgi guutuun isiniif ni kennama.


Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan.


Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, nama dureessi gara Mootummaa Sami'ii titti galuun isaa, haalaan ulffaata'a.


Onneen ummata kanaa hadooddee jira, gurri isaanii'llee duudee, ijji isaanii'llee dununfatanii jiran, akkana uduu ta'uu dhabaateetii, ija isaaniitiin laalanii, gurra isaaniitiin'llee dhagayanii, onnee isaanii titti'llee hubatanii, gara kiyya deebi'anii ani'llee isaan ni fayyisa ture.»


Yesus'llee itti aanssee akkana ni jedhe, «Yeroo soomttanitti namoonni soomuun isaanii akka isaanii beekaniif, akka worra fuula isaanii jijjiiranii akka fakkeessitootaa, fuula keessan hin qaamessinaa, dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii fudhatanii jiran.


Yeroo kadhattantti akka worra fakeessitootaa hin ta'inaa! Isaan naminni akka isaanii arguuf jedhanii bakkeewwan woligayii isaatii fi karaa mara bira dhaabatanii, kadhachuu ni jaalatan. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii durssanii argatanii jiran.


«Kanaaf hiyyeesotaa yeroo arjjoomttantti, fakkeessitoonni bakka woligayii isaaniitii fi karaa mara irratti akkuma raawwatan, muldhachu'uuf hin raawwatinaa, dhugamaan isinitti ni hima, isaan gatii isaanii durssanii fudhatanii jiran.»


Dhugaa isiniin jedha, sami'ii fi arddiin haga dabrrantti seerri marrinuu ni raawwatama malee, seera keessaa taraarriin takka yookiin tuqaan takkattiin hin diigamttu.


Yesus'llee daa'ima tokko waamee jidduu isaanii ni dhaabachiise,


Akkuma daa'ima kanaa titti mataa isaa gad ka qabu, Mootummaa Sami'ii titti hangafa ni ta'a.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite