Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 18:10 - Waadaa Haarawa

10 Maleyikkoonni isaanii ka samii jiran yeroo maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, maandhota kanniin keessaa tokkoma'llee akka hin tuffanneef ufi eeggadhaa. [

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Yesuus, «Ani isinitti hima, maleekkonni Rabbii ta sami'ii, ta isaan eeddu hennaa maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, daa'imman didiqqaa kanniin keessaa tokkollee akka hin tuffanne uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. [

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Yesuus, «Ani isinitti hima, maleekkonni Rabbii ta sami'ii, ta isaan eeddu hennaa maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif daa'imman didiqqaa kanniin keessaa tokkollee akka hin tuffanne uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. [

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 18:10
45 Referans Kwoze  

Eeegaa, maleyikkoonni marrinuu namoota fayyisan tajaajiluuf ka ergaman, tajaajilttoota Waaqaa ka ta'an hafuurotaa miti moo?


«Kanaan duubatti'llee namichi hiyyeessaa ni du'e, maleeyikkoon'llee gara ammuu Abrahaamii ni fidaniin, akkuma kana namichi dureesschi'llee du'ee ni awwaalame.


Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.»


Maleeyikichi'llee akkana jedhu'uun ni deebiseef, «Ani Waaqa durana ka dhaabadhu Gabri'eel, oduu gammachu'uu kana akka sitti himuuf, Waaqa biraa ergamee dhufee jira.


Akkuma kana Abbaan keessan ka samii jiru, maandhota kanniin keessaa tokko'llee akka badu hin barbaadu.


«Naminni kumi'llee anatti ka amanan maandhota kanniin keessaa tokko dogoggorssuu irra, dhagaan daakka'aa ulffaataan mormma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisaa gad fago'oo titti gatamee uduu liqimffamee isaa woyya.»


Heerodis eega du'een boodatti maleyikkaan Goofta'aa Gibxitti Yooseefitti eebjju'uun muldhatee,


Qorattoonni urjji'ii eega deemaniin duubatti, maleyikkaan Goofta'aa Yooseefitti eebiju'uun muldhatee, «Heerodis daa'ima ajjeesu'uuf waan barbaaduuniif, ka'iitii daai'maa haadha woliin qabadhuu gara biyya Gibxii dheessi, haga sitti himutti'llee achuma turi!» jedheen.


Garuu waan kana yaada'aa uduu jiru, maleeyikkaan Goofta'aa eebjju'uun isatti mulidhatee akkana ni jedheen, «Fiixaa Daawiitii yaa Yooseef! Qaadhimaan kee Maariyaam ka ulfooftte Hafuura Qulqullu'uun waan ta'eef, isii gara mana keetii fudhachu'uuf hin sodaatin.


Kanaaf gorssa kana ka mormmu, ka mormman Hafuura isaa Qulqulluu isaaniif kennu Waaqaan malee, namaanii miti.


Haa ta'u malee mana itti nyaatanii fi itti dhugiddan hin qabddan moo? Yookiin Mana woldaya Waaqaa ni tuffattan moo? Yookiin rakkatoota womaayyuu hin qabnne ni saalfachiifttan moo? Eegaa maal haa isiniin jedhu? Waayee kanaaf isin haa galateeffadhu moo? Gonkumaa isin hin galateeffadhu!


Kanaaf eennu'llee akka isa hin tuffannee fi inni obboleeyyan woliin gara kiyya akka dhufuuf waan isa eeguuf, gara kiyya nagayaan deebi'ee akka dhufuuf adeemissa isaatiif waan isa barbaachisuun gargaara'aanii.


Eegaa, ati obboleessa kee irratti maali'iif murtteesita ree? yookiin obboleessa kee maali'iif tuffattaan? marri keennaa teessoo Waaqaa ka murti'ii durana ni dhaabanna.


Halkan dabrre ka isaa ka ta'e Waaqinni ani sagaduuf, maleyikkaan erge ana bira dhaabatee,


Heerodis Waaqaaf ulfinna uduu hin kenniin hafuu isaatiin, bakkumatti maleyikkaan Goofta'aa dhayeeniiti raammayee ni du'e.


Isaan'llee, «Maraattee jirta!» jedhaniin. Isiin garuu, «Dhugamaanuu isa!» yoo jettu ni mirkaneessite, isaan'llee eegasuu, «Wordiyyicha isaa maleyikkicha ta'a» jedhan.


Guyyaa tokko gara saa'aatii sagalii titti maleyikkaan Waaqaa gara isaa yoo aseenuuf, «Qorneelewos!» jedhee yoo waamuun, ifaan mulidhataan itti ni muldhate.


Maleyikkan Waaqaa garuu halkaniin balbala mana hidha'aa banee, isaan ni baase,


Dargaggeessa ta'uu keetiin eennu'llee si'i hin tuffatin, kana irra haasaya keetiin, jireennaan, jaalalaan, amanti'ii fi qulqullinnaan, amanttootaaf fakkeenna mishaa ta'i.


Amanti'iin dadhaboota worra ta'an fayyisu'uuf jecha, akka dadhabddootaa dadhabaa ni ta'e, waan haga danda'ameetiin muraasa isaanii fayyisu'uuf, maraan woliinuu waan maraa ni ta'e.


Nu'u amanti'iin cicimoo ka taane, dadhabbii dadhabiddootaa baadhachuu ni qabnna malee, mataa keenna qofa worra gamachiifnnu ta'uu hin qabnnu,


Kanaaf obboleessa kee gufachiisuu dhabu'uuf foon nyaachuu dhabuu yookiin daadhii dhuguu dhabuu, yookiin woma kamiinuu waan nama gufachiisu, raawwachuu dhabuun misha'a.


Waaqa durana ka dhaabatan maleyikkoota torban'llee ni arge, isaaniif'llee xurunbbaawwan laali'ii torbban ni kennamaniif.


Yaa obboleeyyan! Naminni dogoggoree balleessaa tokko raawwatee yoo argame isin worri namoota hafuuraa taatan, isin nama akkanaa kana gara laafnnaan qajeelcha'aanii, garuu isin'llee qormmaata akkanaa kanaan akka hin kufnneef, ufi eeggadhaa.


Yookiin, «Tokko tokko ergamoota Phaawulosii ulffaattotaa fi cicimootaa fi inni mataan ka dhiban, inni mataan isaa nu woliin yoo ta'e garuu dadhaba'a, haasofnni isaa'llee ka tuffatame» ni jedhan ta'a.


Ani Phaawulos isin durana yeroo jirutti gara laafessa ni jedhame, isin irraa yeroo fagaadhu garuu isin irratti uggaa ni jedhame, arjjummaa Kristositii fi mishummaa isaatiin isin ni kadhadha,


Deebi'ee'llee Yesus barattoota isaatiin, «Ka isin dhagayu ana ni dhagaya, isin ufitti ka hin fudhanne ana ufitti hin fudhatu, ka ana ufitti hin fudhanne'llee ka ana erge hin fudhatu» isaaniin ni jedhe.


Ooyyaa leemmanii tumamee bullaaye'llee, hin cabssu, jirbii aarttu ta dungoo'llee hin dhaamissu, kana'llee ka raawwatu, haga murtiin qajeelaan, injifatee moo'attuuf.


Kristos fakkeenna «Mana Waaqeffannaa dhuga'aa» gara ta taateetii fi gara fakkeenna ta harka namaa titti hin hojjataminii gara Qulqullittii Qulqullu'uu hin aseenne, inni amma waayee keennaaf Waaqa duranatti muldhachu'uuf gara sami'ii ni aseene.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite