Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 17:4 - Waadaa Haarawa

4 Yeroo sanitti Phexiros Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Asi uduu jiraannee nuuf misha'a! Kanaaf yoo eeyyamtte tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eliyaasiif ka ta'an, daaseewwan sadihii haa ijaaru» jedheen.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

4 Achiin maayessa Pheexroosillee deebisee, Yesuusiin akkana jedhe, «Gooftaa kiyya, as jiraachuun nuuf misha'a. Yoo fedha kee ta'e asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko ammoo Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Achiin maayessa Pheexroos deebisee Yesuusiin akkana jedhe, «Gooftaa kiyya! as jiraachuun nuuf misha'a; yoo fedha kee ta'e asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko ammo Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 17:4
16 Referans Kwoze  

Namoonni lamaan Yesusiin biraa fooyamanii yeroo deemanitti Phexiros Yesusiin, «Yaa barsiisaa, asi ta'uun keenna nu'uuf misha'a, kanaaf tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eliyaasiif ka ta'an daaseewwan sadihii haa ijaarruu!» jedheen, Phexiros kana yoo dubbatu waan jedhu hin beeku ture.


«Yaa Abbaa! Biyyi lafaa uduu hin uumamiin waan ana jaalateef, ulfinna kiyya ka anaaf kennite akka arganiif, isaan kunniin ati naa kennite'llee bakka ani jiru, anaan woliin akka jiraataniif ni jaaladha.


ulfinni Waaqaa waan isi'ii ibisuu fi Hoolchi ifa isi'ii waan ta'eef, magaalattiin aduu yookiin jiin akka isi'ii ibisuuf isii hin barbaachifnne.


Yaa waaheloota! Nu'u amma ijoollee Waaqaati, ufi durana maal akka taanu amma'llee hin beekkaminne, garuu yeroo Kristos itti mulidhatutti bifa isaa ka dhuga'aa waan arginuuf, isa akka fakkaannu ni beekinna.


Yaadota kaniin lamaan jiddu'utti qabamee jira, gara tokkoon Kristosiin woliin ta'uun ka maraa caalu waan ta'eef, jireenna kana irraa fooyamee Kristosiin woliin ta'uu ni barbaada, kun'llee Kristosiin woliin jiraachuun ka haalaan woyyu waan ta'eef.


Kunoo, Muse'ee fi Eliyaas Yesusiin woliin yoo dubbatan isaanitti ni mulidhatan.


Yeroo sanitti'llee ayyaanni Yihudotaa ka daase'ee dhiyaatee jira ture.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite