Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 17:3 - Waadaa Haarawa

3 Kunoo, Muse'ee fi Eliyaas Yesusiin woliin yoo dubbatan isaanitti ni mulidhatan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Hennama san dimmaa Muuseenii fi Eeliyaas Yesuusiin woliin uduu dubbatan argan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Hennama san dimmaa Muuseenii fi Eeliyaas Yesuusiin woliin uduu dubbatan argan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 17:3
22 Referans Kwoze  

Yesus'llee, «Isin woliin yeroo turetti seera Muse'ee kennameen, kitaabban nabiyyootaatii fi kitaabban faaru'uu keessatti waayee kiyyaaf ka barreeffame marrinuu raawwatamuu qaba jedhee, dubbiin isinitti hime kana» isaaniin jedhe.


Yeroo sanitti Eeliyaasii fi Museen mulidhatanii, Yesusiin woliin yoo haasayan isaanitti ni muldhatan.


Kanaan duubatti kitaaba Muse'eetii fi nabiyyootaa irraa jalqabee, kitaabban qulqullaayomota mara irrattuu waayee isaatiif ka himame tuqa'aa isaan ni hubachiise.


Yesus haasaya isaa itti fufu'uun akkana ni jedhe, «Kitaabban seeraatii fi nabiyyootaa haga Yohaannisii cuupha'aa titti dubbatama'aa turanii jiran, achii asitti'llee ka dubbatama'aa jiru dubbii gammachuu Mootummaa Waaqaati, tokko tokkoon namaa'llee gara Mootummaa sanii titti aseenu'uuf tataaffii cimaa ni taasisa.


Namoonni lamaan Yesusiin biraa fooyamanii yeroo deemanitti Phexiros Yesusiin, «Yaa barsiisaa, asi ta'uun keenna nu'uuf misha'a, kanaaf tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eliyaasiif ka ta'an daaseewwan sadihii haa ijaarruu!» jedheen, Phexiros kana yoo dubbatu waan jedhu hin beeku ture.


akkuma nabiyyicha Eliyaasii hafuuraa fi huminnaan ta'ee inni onnee abbootii gara ijoollee isaanii, onnee namoota hin ajajamnne'llee gara ogummaa ququllaawotaa titti ni deebisa, ummata'llee dammaqissu'uun Goofta'aaf akka qophaayan isaan ni taasisa.»


Seeri karaa Muse'eetiin ni kenname, kennaan bilisaatii fi dhugaan garuu, karaa Yesus Kristosiin ni dhufe.


Achitti isaanuma duranatti bifitti isaa ni jijjiirame, fuulli isaa'llee akka adu'uu titti ni ife, uffanni isaa'llee adii ta'ee akka ifaa titti ni calaqise.


Yeroo sanitti Phexiros Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Asi uduu jiraannee nuuf misha'a! Kanaaf yoo eeyyamtte tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eliyaasiif ka ta'an, daaseewwan sadihii haa ijaaru» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite