Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 16:3 - Waadaa Haarawa

3 yoo bari'u ganama ammoo ‹samiin duumessa ta'ee diimatee jiraatii adha ni rooba› jettan, bifa sami'ii adda baasuu ni beekittan, garuu malikata bifa baraa adda baasuu hin dandeettan.]

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Obboroo, ‹Yoo samiin duumessaayee gurraachate, adha hin rooba› jettan, bifa sami'ii laaltanii attam akka ta'e himuu hin beettan. Malkata baraa attam akka ta'e himuu hin dandeettanii?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Obboroo yoo samiin duumessaayee gurraachate, ‹adha hin rooba› jettan, bifa sami'ii laaltanii attam akka ta'e himuu hin beettan. Malkata baraa attam akka ta'e himuu hin dandeettanii?

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 16:3
11 Referans Kwoze  

Isin fakkeessitoota nana, bifa arddi'iitii fi sami'ii laalu'uun waan ta'u ni beekitan, eegaa bara ammaa kanatti waan ta'u maali'iif hin beekinnee?»


Gooftaan Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Isin fakkeessitoota nana, isin keessaa hoo tokko tokkoo keessan guyyaa Sanbbataatiin qotiyyoo isaa bakka itti cufamee baasee, yookiin harree isaa bakka itti hidhamee hiikee, gara bakka bishaan itti obaasuu ni fidaanii mitii?


Kunoo, jaamonni ni argan, hokkolttoonni qajeelanii ni deeman, waashayonni ni qulqullaayan, duudonni ni dhagayan, worri du'an ni ka'an, hiyyeeyyi'iif'llee wongeelli ni lallabama,


Namoonni uduu hin beekin malikata ittiin deeman awwaalli hin qabnne waan fakkaataniif, isinii uunsha'a!


«Naminni gara Mootummaa Sami'ii titti akka hin aseennef balbala ka cufittan isin fakkeesitoota nana, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Isin mataa keessan itti hin aseenttan, worra barbaadan'llee akka itti hin aseenneef ni dhoogitan!» [


Yesus garuu hameenna isaanii beekee, «Isin fakkeesitoota nana! Waayee maali'iitiif ana qormaattan?


isin sareeganttoota nana! Isaayaas waayee keessan akkana jechu'uun raaginni dubbate sirri'i,


Ati fakkeessaa nana! Durssiitii gudeelcha ija kee keessa jiru baasi, saniin duubatti'llee, huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, qulqulleessitee ni argita.»


Yesus'llee bakkeewwan woligayi'ii titti, isaan ni barsiisaa fi gammachuu dubbii Mootummaa Waaqaa'llee lallaba'aa, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een namoota qabaman fayyisa'aa, arddii Galiila'aa mara keessa ni naanaya ture.


Nyaata jabaataa worri isaan barbaachisu garuu, waan misha'aa fi waan badaa addaan baasu'uuf shaakala ka qaban namoota gugudda'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite