Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 16:1 - Waadaa Haarawa

1 Fariisootaa fi Saduqoonni gara Yesusii ni dhufan, isa qormmaatu'uu barbaadanii, «Sami'ii baasa nutti mulidhis!» jechu'uun ni gaafataniin.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Worri Fariisotaa fi worri Saduqootaa gara Yesuusii dhufanii, samii irraa malkata akka isaanitti mudhisu Isa kadhatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Worri Fariisotaatii fi worri Saduuqootaa gara Yesuusii dhufanii, «Samii irraa malkata nutti mudhis» jedhanii Isa kadhatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 16:1
33 Referans Kwoze  

Kunniin ammoo isa qormmaatu'uuniif barbaadanii, sami'ii malikata tokko akka isaanitti muldhisuuf ni gaafataniin.


Phexirosii fi Yohaannis ummatatti dubbata'aa uduma jira, qeesonni fi itti gaafatamaan wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aa, akkuma kana Saduuqoonni'llee gara isaanii dhufaniiti,


Yesus'llee barattoota isaatiin, «Onne'etti qabadhaa, shiishaa worra Farisootaatii fi Saduqootaa irraa ufi eeggadhaa!» isaaniin jedhe.


Yoomuu Yihudonni baasa argu'uuf ni barbaadan, namoonni Giriikii ammoo ogummaa ni barbaadan.


Kana'llee wonitti jedhaniif isa irratti sababa himanna'aa akka argatan, isa qormaatu'uuf waan barbaadaniif ture, Yesus garuu gad jedhee lafa irratti qubaan barreessuu, jala ni qabe.


Itti gaafatamaan qeesotaatii fi isa woliin'llee worri turan, Saduuqoonni marrinuu hinaaffa'aan guutamanii isa irratti ni ka'an,


«Worri du'an hin ka'an» Saduqoonni jedhan gara Yesusii dhiyaatanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin,


Yesus garuu daba isaanii beekee akkana isaaniin jedhe,


Guyyaa tokko barsiisaan seeraa tokko gara Yesusii ni dhufe, isa qormaatu'uf'llee barbaadee, «Yaa barsiisaa! Jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narra mala?» jechu'uun, ni gaafateen.


«Du'aa ka'iinssi worra du'anii hin jiru» Saduuqoonni jedhan gara Yesusii dhufanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin,


Yesus'llee fakkeesitummaa isaanii beekee, «Maali'iif ana qabu'uuf barbaadan? Mee qarshii fida'aatii natti muldhisaa» isaaniin jedhe.


Fariisoota keessa'llee muraasonni gara isaa ni dhiyaatan, isa qormaatu'uuf'llee barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa akka hiiku seeraan eeyyamameefii jira?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Guyyaa itti aanu Sanbbata diqqa'aa titti, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisoonni tokkumma'aan gara Phiilaaxosii dhaqaniiti, akkana ni jedhaniin,


«Barsiisonni seeraatii fi Farisonni barsiisu'uuf, barcumaa Muse'ee irra ta'anii ni jiran.


Guyyama sanitti, «Du'aa ka'iinssi worra du'anii hin jiru» Saduqoonni jedhan gara Yesusii dhufanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin,


Yesus garuu hameenna isaanii beekee, «Isin fakkeesitoota nana! Waayee maali'iitiif ana qormaattan?


Kanaan duubatti Fariisoonni deemaniiti attam taasisanii Yesusiin haasaya isaatiin akka qabaniin, ni mari'atan,


Yeroo sanitti Farisoonni gara isaa dhiyaatanii isa qormmaatu'uuf barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa sababa maali'iitiin akka isii hiikuun ni eeyyamamaaf?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Kanaan duubatti, Farisonni Yerusaalemii dhufanii fi barsiisonni seeraa gara Yesusii dhiyaatanii akkana jechu'uun ni gaafataniin,


Fariisonni garuu achii bayanii Yesusiin attam taasisanii akka ajjeesaniin, ni mari'atan.


Fariisoonni kana arganii barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan qaraacotaatii fi fi cubbamootaan woliin, waayee maali'iitiif woliin nyaata?» isaaniin ni jedhan.


Kanaaf qulqullaayoma keessan ka barsiisota seeraatii fi qulqullaayoma worra Fariisotaa yoo hin caalin, gonkumaa gara Mootummaa sami'ii titti akka hin aseenne isinitti ni hima.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite