Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 13:21 - Waadaa Haarawa

21 Haa ta'u yeromaaf malee onnee isaa keessatti hidda gad hin fageeffanne, kanaaf sababa dubbii Waaqaatiin rakkinni tokko yookiin ari'ataminni yeroo isa irra gayetti, dafee ni gufata.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

21 Haata'uu ammoo inni hidda hin qabu, hennamaaf jabaata malee, sababa dubbii Rabbiitiif hennaa rakkinniinii fi ari'amuun dhufee yoma san gufatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Haa ta'uu ammo inni hidda hin qabu, hennamaaf jabaata malee; sababa dubbii Rabbiitiif hennaa rakkinniinii fi ari'amuun dhufe yoma san gufata.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 13:21
47 Referans Kwoze  

Waayee kiyyaan ka hin shakkine, ka eebbifame.»


Akkuma kana Kristos amanti'iin onnee teessan keessa akka jiraatuu fi isin'llee hidda gad fageeffattanii jaalalaan ka jabaattan akka taataniif ni kadhadha.


Worri Asiyaa jiran marrinuu ana dhiisanii akka deeman ni beekitta, isaan keessaa'llee Fiigelosii fi Hermogenesis keessatti ni argaman.


hujii mishaa kana jireenna keessan keessatti Waaqinni jala qabe, Yesus Kristos murti'iif deebi'ee guyyaa dhufutti gara muumme'eetiin akka isa gayu ni amana.


Kanaaf gadoomuu ta'ee gadoomuu dhabuun womaa hin fayyadu, ka fayyadu ammoo uumama haarawa ta'u'u.


Akka gadoomittaniif worri isin dirqisiisan ala keessa mishaa fakkaatanii namoota muldhachu'uuf barbaadan. Kana ka raawwataniif'llee, waayee fannoo Kristositiin ari'ataminni akka isaan irra hin geenneef jedhaniiti.


Yesus Kristosiin ka jiraatuuf jaalala irratti hunddaayee amantii hojjatu malee, gadoomuu ta'ee gadoomuu dhaabuun, faayiddaa woyiituu isaa hin kennu.


Hujii misha'aan jabaachuun galataa fi ulfinna, jireenna hin banne'llee worra barbaadaniif, Waaqinni jireenna bara baraa isaaniif ni kenna.


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Dhugaa isiniin jedha, isin ka ana barbaadan buddeena waan nyaattanii fi waan quuftaniif malee, baasa waan argitaniifii miti.


Sanyiin lafa dhagaalessa irratti bu'e ka muldhisu, namoota dubbii Waaqaa dhagayanii gammachu'uun fudhataniiti, isaan garuu ka amanan yeromaaf, hidda waan hin qabnneef'llee yeroo qormaataa bakkumatti ni waakkatan.


Inni garuu yeromaaf malee onnee isaanii keessatti hidda hin fageeffanne, yeroo muraasaan duubatti sababa dubbii Waaqaatiin rakkinni yookiin ari'amuun isaan irra yoo gaye, bakkumatti gufatanii ni kufan.


Yeroo sanitti Phexiros, «Kunniin marrinuu yoma si waakkatan'llee, ani gonkumaa si hin waakkadhu!» jedhee, ni dubbatte.


Yeroo kanatti Yesus, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, « ‹Tissicha ni dhaya, hoolonni'llee ni bittinnaayan› jedhamee barreeffamee jiraatii, halkan kanatti marri keessanuu ana ni waakkattan.


Haga muumme'ee titti obissaan ka dhaabatu garuu ni fayya.


Waayee kanaan'llee isaan gufatanii uduu ufitti hin fudhatin ni hafan. Yesus garuu, «Nabiyyiin ka hin kabajaminne biyya isaatii fi mana isaa qofatti» isaaniin jedhe.


Haa ta'u malee yeroo aduun baatetti ni qaamaye, hidda waan hin qabneef'llee ni goge.


Sababaa kiyyaan nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, garuu haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatu ni fayya.


Isin'llee guyyaa muumme'ee titti fayyinna muldhatuuf karaa amanti'iitiin, huminna Waaqaatiin eegamttanii jirttan.


Deemaas biyya lafaa kana jaalatee ana irraa fooyamee jira, gara Tasaloonqee'llee deemee jira, Qeersqiis gara Galaatiya'aa, Tiitoos'llee gara Dilmaaxiyaa deemanii jiran.


ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.


lafa dhaga'aa irratti sanyiin facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii isaa dhagayee bakkumatti, gammachu'uun fudhatuuti.


Nu'u marri keennaa yeroo baayi'ee ni dogoggorra, haasaya isaatiin ka hin dogoggorre inni qaama isaa toowachu'uuf ka danda'u, nama muda maleessa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite