Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 13:11 - Waadaa Haarawa

11 Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isiniif waayeen dhossaa Mootummaa Sami'ii beeku'uu kennamee jira, isaaniif garuu hin kennamnneef.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

11 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammoo hin kennamne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammo hin kennamne.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 13:11
40 Referans Kwoze  

Hafuura Waaqaa ka hin qabnne nama foonii garuu kennaa Hafuura Waaqaa irraa ka kennamu fudhachu'uuf hin danda'u, ol aanaa ta'uun kenna'aa'llee ka qoratamu karaa Hafuura Waaqaatiin waan ta'eef, hubachu'uniif hin danda'u, gonkumaa kun isaaf gowummaa ta'ee itti ni muldhata.


Yesus garuu akkana isaaniin jedhe, «Dandeettiin addaa worra isaanii kennameef malee, wonitti kun maraaf hin ta'u.


Isin keessaa naminni ogummaan itti dhidhate yoo jiraate Waaqa haa kadhatu, Waaqinni'llee ni kennaaf, inni'llee womaa uduu garaa isa hin hanqatin maraafuu arjoomaan Waaqa arjjaa kennu.


Kristosiin irraa hafuurri fudhattan keessa keessan waan jiraatuuf barsiisaa bira'aa isin hin barbaachisu, inni waan maraa isin ni barsiisa, ka isin barsiisu'llee dhuga'a malee sobaa miti, kanaaf Hafuurri Qulqulluun akka isin barsiisuuf, Kristosiin jiraadhaa.


Isin garuu Krirstos Hafuura Qulqullu'uun isaan dibee jira. Kanaaf marri keessanuu waan maraa ni beekittan.


Yesus'llee akkana ni jedheen, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ati ka eebbifamitte! Kana ka si ibsse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namaa miti.


Waaqinni arijjummaa isaatiin karaa Kristositiin akkaatama durissee karoorsseetiin, dhossaa fedha isaa akka beekinnu ni taasise.


Dhossaan kun ol aana'aa, kana'llee ka jedhu waayee Kristositii fi waayee woldaya amanti'ii fakkeenna taasiseeti.


Dubbii gammachu'uu ka ani lallabuun ergaan waayee Yesus Kristositiif dabarffamuu fi bara duriitii jalaqabee dhokatee ka ture, amma garuu ka muldhate karaa dhossaa dhuga'aatiin, inni amantii keessaniin akka dhaabattan isin taasisu'uuf ni danda'a.


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isiniif waayeen dhossaa Mootummaa Waaqaa beeku'uu isiniif kennamee jira, kuunniin garuu wonitti marrinuu fakkeennan isaatti ni himama, isaan uduma laalan onne'etti hin qabanne, uduma dhagayan'llee akka hin hubanneef» jedhe.


Kunoo, dhossaa tokko isinitti ni hima. Nu'u marri keennaa hin duunu, garuu marri keennaa ni jijjiiraminna.


Nu'u ka dubbannu garuu Waaqinni durssee barootaan duranatti, ulfinna keennaaf ka qopheessee fi dhokatee'llee ka ture, dhokissaa ogummaa Waaqaati.


Itti aanssee'llee Yesus, «Waaqa Abbaa biraa ka eeyyamameef yoo ta'ee malee, gara kiyya dhufu'uuf ka dandda'u hin jiru ka isiniin jedhe kanaaf» jedhe.


akkuma kana dhossaa amanti'ii sammuu Qulqullu'uun worra eeggatan ta'uu mala,


Dandeettii dubbii Waaqinni natti hime dubbachu'uutiif'llee kennaa yoo qabaadhee fi dhossaa mara'llee uduu hubadhee, beekkomissa mara'llee uduu qabaadhee, gaara'llee bakka tokkoo gara bakka bira'aa ka deemisisu amantii mara'llee uduu qabaadhee, jaalala yoo hin qabaatin ani tasa.


Inni'llee akkana isaaniin jedhe, «Waayee dhossaa Mootummaa Waaqaa beeku'uun isiniif kennamee jira, worra ala jiraniif maraaf garuu, wonitti marrinuu fakkeennaan isaanitti ni himama.


Ka woldhaanuun'llee onneen isaanii jajabaatteetii fi jaalalaan wolitti hidhamanii, hubannaa mudaa dhabeessa mara buufachu'uun dhossaa Waaqaa ka ta'e, Kristosiin akka beekaniif.


Dhossaa wongeelaa sodaa malee akka ibisituuf yeroo dubbadhutti jecha barbaachisaa akka naa kennuuf, ni kadhadhaa.


Ati kaanniin maali'iin caalitta? Wonitti kaanniin irraa hin fudhatin maalttu jira? Eegaa, waan maraa ka fudhatte kaaniin irraa eega taate, akka nama hin fudhatinii maali'iif ufi dhaadda?


Eegaa naminni marrinuu nu'u tajaajiltoota Kristosii akka taane, dhossaa Waaqaa'llee ibisu'uuf yaboon ka nutti kenname worra yaboo fudhanne itti gaafataminni ka nuuf kenname, akka taane taasisee nu lakkaayuun ni mala.


Fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf ka barbaadu yoo jiraate, barsiifnni kun Waaqa irraa ka argame yookiin ana mataa kiyyaa irraa ka dubbadhe, ta'uu ni beeka.


Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni, «Nama ta'ee ni muldhate, dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame, maleyikkootatti ni muldhate, ummatoota maraaf ni lallabame, namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan, ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu.


Abddii attamiitiif akka waamamittanii fi ulfinna qabiyyee Qulqulloonni dhaalanii hagam baayi'ee akka ta'e akka beekittaniif, ijji onnee teessanii akka isinii ifuuf ni kadhadha.


Dubarttoota nu dhageeffatan turan keessaa'llee takka, dhalattuu magaalaa Tiyaaxiroon ka taate, daldalttuu uffata diimaa, dubarttii Liidiyaa jedhamttu takka ni turtte, Isiin'llee dubarttii Waaqaaf sagaddu ni turtte, Gooftaan'llee onnee waan isii baneef, waan Phaawulos dubbatu ni dhageeffatti ture,


Kanaan duubatti barattoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii, «Waayee maali'iitiif ummatatti fakkeennaan dubbattaa?» jedhaniin.


Yesus'llee, «Qajeelumaan duloo ani dhugu ta rakkinnaa ni dhugiddan, garuu namoota mirga kiyyaa fi bitaa kiyyaan akka taa'an ka taasisu anaa miti, bakkeen kun ka kennamu namoota Abbaan kiyya isaanii qopheessef.»


garuu, mirgaa kiyyaa fi bitaa kiyyaan taa'uu ka kennu anaa miti, kun ka kennamu namoota Waaqinni isaaniif, qopheesse qofaaf» jedhe.


Yaa obboleeyyan! «Nu'u beekittota» jettanii ufi hin dhaadinaa, ka isinitti himu dhokissaan tokko ni jira, kun'llee harka diddoonni Israa'eelootaa haga muumme'eetiif uduu hin ta'in, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu guutumma'aan gara Waaqaa haga dhufaniif ta'uu isaati.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite