Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 12:3 - Waadaa Haarawa

3 Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Daawiitii fi namoonni isa woliin ni jiran turan yeroo beelayanitti, waan Daawiitii raawwate gonkumaa isin hin dubbifanne moo?

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3-4 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Daawitii fi worri isa woliin turan hennaa beelayan, waan inni godhe hin dubbifnee? Inni mana Rabbii seenee, xoroshoo ciinca'aa ka seerri gadootaaf malee, isaa fi worra isa woliin jiraniif hin kennine nyaate.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3-4 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Daawitii fi worri isa woliin turan hennaa beelayan waan inni godhe hin dubbifnee? Inni mana Rabbii seenee xoroshoo ciinca'aa ka seerri gadootaaf malee, isaa fi worra isa woliin jiraniif hin kennine nyaate.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 12:3
13 Referans Kwoze  

Yesus'llee akkana jedhu'uun isaaniif ni deebise, «Isaaf namoonni isaan woliin turan'llee yeroo beelayanitti, Waan Daawiiti raawwate isin hin dubbiffine moo?


«Haa ta'u malee, ‹dhagaan kaabddonni tuffataniin, mataa cabssata› » ni ta'e.


Kanaaf Yesusiin, «Daai'mman tunniin waan jedhan ni dhageettaa mitii ree?» ni jedhaniin, inni'llee, «Ee, ni dhagaya, ‹ijoolle'ee fi daai'mman harmma hodhan afaanii galata ni qopheessite› ka jedhu, gonkumaa hin dubbifinnee moo?» isaaniin jedhe.


Waayee worri du'an du'aa ka'iinssaa yoo ta'e garuu, Waaqinni ibidda ximmirro'oo keessaan Muse'etti maal akka itti dubbate, kitaaba Muse'ee keessatti isin dubbifnne moo? Kun'llee, ‹ani Waaqa Abrahamii, Waaqinni Yisihaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobiiti› ka jedhe.


Akkuma kanaan'llee waayee du'aa ka'iinssa worra du'anii waan Waaqinni isinitti dubbate isin, hin dubbifnne moo?


Akkuma kana qeesonni guyyaa Sanbbataatiin Mana Waaqeffanna'aa titti Sanbbataa yoo diigan balleessaa ta'ee akka isaanitti hin laakkayamnne, seera karaa Muse'eetiin kenname keessatti waan barreeffame isin hin dubbifinne moo?


Yesus'llee, «Seera keessatti maaltu barreeffamee jira? Dubbiffittee attamitti hubattan?» jedheen.


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Waaqinni jalqaba dhiiraa fi dubarttii taasisee akka isaan uume, isin hin dubbifinne moo?


Fariisoonni kana arganii Yesusiin, «Laali! barattoonni kee guyyaa Sanbbataatiin waan hin eeyyamin ni raawwatan!» jedhaniin.


Inni gara Mana Waaqaa aseenee qeesotaa malee isa ta'ee, namoonni isa woliin turan'llee akka nyaataniif ka isaanii hin eeyyamin, hibsittii qulqullaayome ni nyaate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite