Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 12:10 - Waadaa Haarawa

10 Achi'llee namicha harka naafaa tokkotu jira ture, Yesusiin waan ittiin himatan namoonni barbaadan tokko tokko, «Guyyaa Sanbbataatiin dhukkubsataa fayyisuun eeyyamamee jira ree?» jechu'uun ni gaafataniin.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambataatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 12:10
21 Referans Kwoze  

Yesus guyyaa Sanbbata diqqa'aatiin waan fayyiseef itti gaafatamaan bakka wolgayii isaanii dallaneeti ummataan, «Torbaan keessatti hujiin ka itti hojjatamu guyyoota jahatu jira, guyyoota kanniintti koota'aatii fayyaa, guyyoota Sanbbata diqqa'aatiin garuu hin ta'u» jedhee dubbate.


Yeroo kanatti worra Fariisota keessaa tokko tokkoon isaanii, «Naminni kun Sanbbata waan hin kabajineef, inni Waaqa irraayyii miti» jedhan. Kuunniin garuu, «Eegaa naminni cubbamaa ta'e, baasota kanniin attamitti taasisu'uuf dandda'a?» ni jedhan. Sababa kanaan'llee jidduu isaanii titti, gargar fooyamiinssi ni ta'e.


Kana'llee wonitti jedhaniif isa irratti sababa himanna'aa akka argatan, isa qormaatu'uuf waan barbaadaniif ture, Yesus garuu gad jedhee lafa irratti qubaan barreessuu, jala ni qabe.


Kanaaf namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa namicha fayye san, «Adha Sanbbataa waan ta'eef siree kee akka baadhattuuf, seerri siif hin eeyyamamu!» jedhaniin.


kana'llee ka taasisaniif haasayuma isaatiin, isa qabu'uuf barbaadaniiti.


Fariisoonni kana arganii Yesusiin, «Laali! barattoonni kee guyyaa Sanbbataatiin waan hin eeyyamin ni raawwatan!» jedhaniin.


[Dhukkubsattoonni haalaan baayi'een, jaamonni, hokkolttoonnii fi naafonni, xurree keessa dabrran irra ciisanii jiran turan. Achitti'llee socho'uu bishaanichaa ni eeggatan turan,


akkana'llee jedha'aa himachu'uunii jala ni qaban, «Naminni kun ummata keenna yoo dogoggorssu ni arganneen, nugusa Rooma'aatiif gibirri akka hin kafalamnne ni dhoogga, akkuma kana'llee, ‹ani nugusa Masihicha› » jedha'aa, ni dubbata,


akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Ummata ‹jeequmssaaf kakaasa› jettanii, nama kana gara kiyya ni fidaniin, ani'llee kunoo, isin duranatti qoradheenii himannaa isa irratti dhiyeesitan mara keessaa nama kana irratti, balleesaa woyiituu itti hin arganne.


Mee nutti himi! Akkaataa bu'ura seera keennaa titti nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun eeyyamamee jira moo yookiin hin eeyamaminne?»


Yeroo sanitti Farisoonni gara isaa dhiyaatanii isa qormmaatu'uuf barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa sababa maali'iitiin akka isii hiikuun ni eeyyamamaaf?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Yesusiin himachu'uuf namoonni barbaadan, «Guyyaa Sanbbataatiin ka fayyisuun yoo ta'e mee haa laalluu!» jedhanii, ni eegganiin ture.


Eegaa, karaa Muse'eetiin naamufnni kenname akka hin diigamnneef, guyyaa Sanbbataatiin naminni ka gadoomu yoo ta'e, eegasuu, ani guyyaa Sanbbataatiin guutummaa namaa fayyisuu kiyyaan, waayee maali'iitiif dallanttan ree?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite