Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 11:5 - Waadaa Haarawa

5 Kunoo, jaamonni ni argan, hokkolttoonni qajeelanii ni deeman, waashayonni ni qulqullaayan, duudonni ni dhagayan, worri du'an ni ka'an, hiyyeeyyi'iif'llee wongeelli ni lallabama,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Balloonni hin argan, worri hokkolan hin deeman, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabaman hin qulqullaayan, ka gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'anillee hin ka'an.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Worri ijaan hin argine hin argan, worri hokkolan hin deeman, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabaman hin qulqullaayan, ka gurraan hin dhageenne hin dhagaya, worri du'anillee hin ka'an.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 11:5
41 Referans Kwoze  

«Hafuurri Goofta'aa ana irra ni jira, oduu mishaa hiyyeesota titti akka lallabu, ana muudee jira, worra hidhamaniif hiikkamuu, worra jaamaniif arggiinssa, akka labissuu fi worra sarddaman'llee bilisa akka baasuuf ana ergee jira,


Yaa obboleeyyan jaalatamttan! dhagayaa, Waaqinni amanti'iin dureeyyii akka taatanii fi worra isa jaalataniif abddii isaanii ka kenne, mootummaa isaa akka dhaalaniif hiyyeessota biyya lafa kanaa hin filanne ree?


Yesus Mana Waaqeffanna'aa keessa uduu jiru, jaamotaa fi hokkolttoonni gara isaa dhufaniiti, isaan ni fayyise.


Hujii Abbaa kiyyaa ka hojjadhu yoo ta'e garuu, yoma anatti'llee amanuu dhabaattan'llee hujii kiyyatti amanaa, bifa kanaan Waaqinni Abbaan ana keessa akka ta'ee fi ani'llee Waaqa Abbaa keessaan akka ta'e, midhaastanii ni beettan» isaaniin jedhe.


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani isinitti himee jira, isin garuu hin amanttan, maqaa Abbaa kiyyaatiin hujiin hojjadhu anaaf raagaa ni baya.


Ani garuu ragummaa Yohaannisii ka caalu ragaa ni qaba, ragaan kiyya'llee Abbaan kiyya akka hojjadhuuf hujii naaf kenne, hujiin hojjadhu kun'llee, Waaqinni Abbaan akkuma ana erge waayee kiyyaaf ragaa ni baya.


Naminni kun halkaniin gara Yesus dhufee, «Yaa barsiisaa, Waaqinni isa woliin yoo ta'e malee kaniin baasota ati taasisa'aa jirttu kana taasisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, kanaaf ati Waaqa biraa ka dhuftte barsiisaa akka taate ni beekinna» jedheen.


Yesus yeroo Ayyaana Faasiika'aa titti Yerusaalemiin uduma jiru baasota inni raawwate arguu isaaniitiin, namoonni baayi'een isatti ni amanan.


Yesus'llee ummanni asii fi achi jedha'aa yoo bayan ni arge, hafuura batti'iin'llee, «Ati duuda'aa fi ka gurraan akka hin dhageenne taasfittu, mucaa keessaa akka baatu gara isaa'llee deebitee akka hin aseenneef, si ni ajaja!» jedhee, itti ni baanate.


Worri dhagayan marri'llee haalaan maalalffachu'uun, «Waan maraa haala misha'aan ni taasise! Duuddonni akka dhagayaniif, worri dubbachu'uuf hin dandeenne akka dubbatan ni taasisa!» jedhan.


Dhukkubisattoota fayyisaa, worra du'an ni kaasa, waashayoota qulqulleessaa, jinniiwwan baasaa, waan bilisaan fudhattan bilisaan kennaa.


Ijji isaanii'llee ni banaman, Yesus'llee, «Waan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, ciminnaan isaan ni ajaje.


«Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, jireenna isaanii ka hafuuraatiin hiyyeeyyii ta'uun isaanii worri itti dhagayamu, ka eebbifaman.


«Isin yaa namoota Israa'eelii! Dubbii kana dhageeffadhaa, isin mataan keessanuu akkuma beekittan eennummaan Yesusii Naazireetii, Waaqinni isin jiddu'utti karaa hujiiwwan isaa ol aanaa raawwateetiin, baasotaa fi malikatootaatiin mirkanaayee jira.»


Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Deema'aatii waan argitanii fi waan dhageettan maraa, Yohaannistti himaa.


Kanaan duubatti Yesus namicha harka naafaatiin «Harka kee diriirssi!» jedheen. Inni'llee yeroo diriirssetti harki isaa fayyee, akkuma harka fayyaalesaa ni ta'eef.


«Deemiitii bakka itti cuuphama Saalihomii titti miicadhu» jedheen. (Saalihoom jechuun «Ka ergame» jechu'u.) Kanaaf namichi dhaqee dhiqateeti, laala'aa ni deebi'e.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite