Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:7 - Waadaa Haarawa

7 Dhaqa'aatii'llee ‹Mootummaan Sami'ii dhiyaatee jirtti!› jedha'aa lallabaa.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Akkuma dhaxxaniin, jeennanni sami'ii dhiyaatteerti jedha'aa lallabaa'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Akkuma dhaxxaniin, ‹jeennanni sami'ii dhiyaatteerti› jedha'aa lallabaa'a.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:7
19 Referans Kwoze  

Mootummaa Waaqaa'llee lallabuun, waayee Gooftaa Yesus Kristosii eennu'llee uduu hin dhooginiin, ugiinssaan ni barsiisa ture.


Yoo barsiisutti'llee, «Kunoo! Mootummaan Sami'ii dhiyaattee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» ni jedha ture.


Yesus'llee, «Worra du'ootaa isaan dhiisaa!, du'oota isaanii haa awwaalanii, ati garuu deemiitii waayee Mootummaa Waaqaa barsiis!» jechu'uun, ni deebiseef.


Yeroo sanii jalaqabee Yesus, «Mootummaan Sami'ii dhiyaatee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» jedha'aa, lallabuu jala ni qabe.


Yesus haasaya isaa itti fufu'uun akkana ni jedhe, «Kitaabban seeraatii fi nabiyyootaa haga Yohaannisii cuupha'aa titti dubbatama'aa turanii jiran, achii asitti'llee ka dubbatama'aa jiru dubbii gammachuu Mootummaa Waaqaati, tokko tokkoon namaa'llee gara Mootummaa sanii titti aseenu'uuf tataaffii cimaa ni taasisa.


Dhufaatii Mootummaa Waaqaa nama maratti akka himan, dhukkubisatoota akka fayyisaniif isaan ni erge.


Worri ergaman'llee achii bayanii namoonni marrinuu dhiifamaan gara Waaqaa akka deebi'aniif, ni barsiisan.


Phexiros gara manaa yoo aseenu Qorneelewos gara isaa dhiyaateeti, miila isaa jalatti jigee ni sagadeef.


ergamittoonni lamaan du'aa ka'iinssaa Yesusii ummataa barsiisuu isaaniitii fi kanaan'llee du'iinssi jiraachuu hubachiisuu isaaniitiin, ni dallanan.


Naminni kun halkaniin gara Yesus dhufee, «Yaa barsiisaa, Waaqinni isa woliin yoo ta'e malee kaniin baasota ati taasisa'aa jirttu kana taasisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, kanaaf ati Waaqa biraa ka dhuftte barsiisaa akka taate ni beekinna» jedheen.


Kanaaf ergamittoonni achii bayanii wongeela barsiisa'aatii fi dhukkubisatoota fayyisa'aa, gandoota mara keessaan ni dabrran ture.


«Naminni gara Mootummaa Sami'ii titti akka hin aseennef balbala ka cufittan isin fakkeesitoota nana, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Isin mataa keessan itti hin aseenttan, worra barbaadan'llee akka itti hin aseenneef ni dhoogitan!» [


Kanaaf, «Akkana isiniin ni jedha, Mootummaan Waaqaa isin irraa fudhatamittee, ummata firii daraararuuf ni kennamtti. [


Eegaa ijoollee kaniin lamaan keessaa, ka ajaja abbaa isaa raawwate kamii?» Isaan'llee, «Ka jalqabaati kaa!» jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin ni jedha, cubbamoonnii fi sagaagalttoonni gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uun, isin ni durssan.


Yesus ajajoota kanniin barattoota kudha lamaanii eega kenneen duubatti bakka san dhiisee, gara magaalota dhiyeennaitti argamanii, lallabu'uu fi barsiisu'uuf ni deeme.


Dhukkubisattoota fayyisaa, worra du'an ni kaasa, waashayoota qulqulleessaa, jinniiwwan baasaa, waan bilisaan fudhattan bilisaan kennaa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite