Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:6 - Waadaa Haarawa

6 kana irraa gara worra akka hoolotaa badanii,, gara ummatoota Israa'eelii dhaqaa.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Kanaa mannaa, gara worra akka hoolotaa karaa irraa badanii mana Israa'eelii dhaqaa'a! jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Bikka san gara worra akka hoolotaa karaa irraa badanii mana Israa'eelii dhaqaa'a!»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:6
20 Referans Kwoze  

Isin akka hoolota baddee titti asii fi achi ni jettan ture, amma garuu gara tissicha lubbuu keessaniitii fi eegaa keessan, deebitanii jirttan.


Phaawulosii fi Barnaabaas garuu akkana jechu'uun uggiinssaan ni dubbatan, «Dubbiin Waaqaa durssee isinitti dubbatamuun isaa barbaachisa'a, isin ufitti hin fudhannu yoo jettanii fi jireenni bara baraa akka isiniin hin malle mataa keessantti yoo murteessitan garuu kunnoo, nu'u deebinee gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni deemnna.


Kanaaf Waaqinni Ilma isaa ka erge jalqaba isiniif ture, kana'llee ka raawwate tokkoon tokkoon keessan karaa keessan hamaa irraa deebi'uun, akka isin eebbisuuf.»


Maleyikkoonni isaanii ka samii jiran yeroo maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, maandhota kanniin keessaa tokkoma'llee akka hin tuffanneef ufi eeggadhaa. [


Garuu durssee namoonni Damaasqoo jiran itti aanssee'llee Yerusaalemii fi arddii Yihuda'aa'llee ka jiran marrinuu, akkuma kana ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee dabalatee, gara Waaqaa akka deebi'aniif isaan ni barsiise, gara Waaqaa deebi'uu isaanii'llee waan mulidhisu akka raawwataniif isaan ni barsiise.


Garuu Yihudonni yeroo isa mormmanii fi isa arabisanitti awwaara uffata isaa hargufatee, «Eegaa isinitti yoo murtteeffame balleessaa mataa isaaniitiin! ani itti gaafatama hin qabu, ammaa achitti gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni deema!» isaaniin ni jedhe.


akkuma kana maqaa isaatiin dhiifaminni cubbu'uu Yerusaalemii jalaqabee biyya maratti, ummata maraaf akka lallabamu dubbatamee jira.


Ilmi Namaa'llee ka dhufeef, ka bade fayyisu'uuf.]


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite