Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 10:5 - Waadaa Haarawa

5 Yesus ergamittoota kudha lamaan kanniin ni erge, akkana'llee jedhee isaan ni ajaje, «Gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee hin dhaqinaa, gara magaalaa worra Saamraawotaa'llee hin aseeninaa,

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a, yookiin qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a; yookaan qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 10:5
27 Referans Kwoze  

Dubarttiin Samaariyittin tun'llee Yesusiin, «Ati gara worra Yihudotaatii taatee uduu jirttu, attamitti ana Samaariyitti'iin, ‹bishaan ana obaasi!› jettee ana gaafatta?» jetteen, kana jechuun isi'ii, Yihudonni Samaariyotaan woliin woliigaltee waan hin qabnneef ture.


ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne dubbii ittiin fayyan akka hin dubbanneefuu nu dhooggan, bifa kanaan cubbuu cubbuu irraan dabala'aa ni deeman, kanaaf muumme'etti dheekkamssi Waaqaa isaanitti dhufee jira.


Yesusiin'llee galateeffata'aa miila isaa jalatti kallachaan ni kufe, inni'llee nama biyya Samrya'aa ni ture.


Phexirosiin woliin ka dhufan ka gadooman kirstaanota Yihudotaa keessaa, Waaqinni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef Hafuura Qulqulluu akka isaanii kennee yeroo arganitti, ni maalalan.


Dhufaatii Mootummaa Waaqaa nama maratti akka himan, dhukkubisatoota akka fayyisaniif isaan ni erge.


Garuu Hafuurri Qulqulluun isin irra yeroo bu'etti huminna ni argattan, yeroo san Yerusaalemitti, arddii Yihuda'aa, Samaariyaa maratti, haga daangaa arddi'ii titti ragoota kiyya ni taatan.»


Kanaan duubatti Yesus deebi'ee, «Nageenni isiniif haa ta'u! Waaqinni Abbaan akkuma ana erge, ani'llee isin ni erga» isaaniin jedhe.


Kanaaf namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban akkana woliin jedhan, «Akka nu'u isa hin arganneef, naminni kun garam deemu'uuf laata? Yookiin gara worra Giriikota jiddu'utti bittinnaayanii deemee, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanini barsiisinnaa laata?


Kanaaf bakka Yaaqoob ilma isaa Yooseefii kenne biraan gara bakka argamittu, Sikaar jedhamttee gara bakka waamamittuu gara magaalaa Samariya'aa ni dhufe.


Namichi Samaariyaa tokko garuu karaa saniin yoo dabrru gara namichaa ni dhufe, yeroo isa argetti'llee garaa ni laafeef,


«Karaa gara garba ciisa'aa fiduu fi laga Yoordaanosiitiin gamatti ka argaman arddiin Zaabiloonii fi arddiin Niftaalemii, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka Galiila'aa'llee,


Saa'oli'llee ajjeefamuu Isxifaanosii titti wolii galee ture, Guyyaa Isxifaanos itti du'etti woldaya amanti'ii Yerusaalemtti argamittu titti ari'ataminni ol aanaan ni ka'e, ergamittoota malee amanttoonni marrinuu gara Yihuda'aa fi gara arddii Samaariya'aa ni bittinaayan.


Yihudonni, «Ati Samaariyicha, sheexana'llee ni qabdda jechuun keenna, sirri'ii mitii ree?» jedhaniin.


abbootiin teenna gaara kana irratti ni sagadan, isin garuu, ‹namoonni ka sagaduun isaan irraa malu Yerusaalemitti› jettan.»


Kanaan duubatti Gooftaan kaanniin namoota torbaatamii lama ni file, inni'llee gara deemu'uuf yaade gara magaala'aa durssanii akka deemaniif, lama lama taasisee isaan ni erge.


Nugufnni'llee namoonni waamaman gara areerrii cidhaa akka dhufan yaadachiisu'uuf, tajaajilttoota isaa gara isaanii ni erge, namoonni garuu gara cidhaa dhufu'uuf hin barbaanne.»


Kudha lamaanuu gara isaa waamee lama lama taasisee isaan ni erige, Hafuurota battiiwwan irratti'llee aangoo isaaniif ni kenne,


Yesus ergamittoota isaa kudha lamaan gara isaa waamee, huminna jinniiwwan baasu'uutii fi dhibee mara fayyisu'uuf'llee aangoo isaaniif ni kenne.


Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergitetti, ani'llee isaan gara biyya lafaa titti isaan ni erge.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite